Get Mystery Box with random crypto!

Ambaasaaddar Tafarraa Darribawu Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Fa | Gadaa Post

Ambaasaaddar Tafarraa Darribawu Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Fandii Misoomaa Chaayinaa-Afrikaa waliin mari’atan

Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tafarraa Darribawu Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Fandii Misoomaa Chaayinaa-Afrikaa Shii Wuunzhi waliin mari’atan.

Ambaasaaddar Tafarraan Fooramii Invastimantii Caamsaa dhufu Ityoophiyaatti gaggeeffamuufi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaarratti ibsa taasisaniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Fandii Misoomaa Chaayinaa-Afrikaa Shii Wuunzhi gamasaniin, Fandiin Misoomaa Chaayinaa- Afrikaa Afrikaatti hojiilee invastimantiirratti bobba’aa jiraachuufi filannoowwan invastimantii jiran beeksisaa jiraachuu ibsaniiru.

Simpooziyeemii Invastimantiifi Faayinaansii Chaayinaa-Afrikaa baatii Waxabajjii dhufu fandichi qopheessurratti Ambaasaaddar Tafarraafi hojjettoonni Embaasichaa akka hirmaatan affeeraniiru.

Maddi : FBC

@Gadaa_post