Get Mystery Box with random crypto!

Waxabajjii 30/2015 Yunivarsiitii Bulee Horaatti Barattoonni | Bule Hora University

Waxabajjii 30/2015

Yunivarsiitii Bulee Horaatti Barattoonni sagantaa Fooyya’ina Ga’umsaa (Remedial Program) xummuruu fi Barattoonni Inistitiyuutii Fayyaa Qorumsa Ba’umsaa (Exit Exam) Fudhachuu Eegaluu
=============////================
Yunivarsiitii Bulee Horaatti Barattoonni Sagantaa Fooyya’ina Ga’umsaa (Remedial Program)tiin gara Yuunivarsiitii Bulee Horaatti Ramadaman Guyyaa hardhaa karaa nagaa qabeessaan xumuraniiru. karaa biraatin Inistitiyuutii Fayyaatti barattoonni eebbifamtoota ta’an fi barattoonni ogummaa fayyaatiin baratan iddoolee garaagaraa irraa ramaddii ministeera fayyaatiin qorumsa ba’umsaa qoramuuf gara Yuunivarsiitichaa dhufan guyyaa har’aa qorumsa ba’umsaa Yuunivarsiitichaa keessatti haala gaariin fudhachuu eegalaniiru. Barattoonni ogummaa fayyaatiin qoramuuf ramadaman kunniin, muummeewwan Saayinsii Fayyaa kanneen akka Medicine, Public Health, Pharmacy, Laboratory Science, Nurse fi Midwifery kan barataa turaniidha.
Yuunivarsiitii Bulee Horaa