Get Mystery Box with random crypto!

Muddee 09/05/2015. YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI SIRNI WALI H | Bule Hora University

Muddee 09/05/2015.

YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI SIRNI WALI HARKAA FUUDHIINSA AANGOO PIREEZIDAANTIIFI ITTI AANTOTA PIREEZIDAANTII HAAREYAA TAASIFAMEERA.


Yuunivarsiitii Bulee Horaatti sagantaan simannaa ho’aan pireezidaantii haaraa Dr. Fiqaaduu W/Maariyaam Woddessaatiif akkasumas Itti Aanaa Pireezidaantii Dhimmoota Akkaadaamii Dr. Biraanuu Lammaa Roobee fi Itti Aanaa Pireezidaantii Dhimmoota Hojjettootaafi Barattootaa Gargaaraa Piroofeesaraa Gammadaa Oddoo Roobaatiif taasifamee jira.

Sagantaa simannaa kana kan taasise miseensota Kaawunsilii Yuunivarsiitii Bulee Horaa yoo ta’u, Pireezidaantummaan gaggeessaa kan turan Dr.Taammiruu Aanolee Basaayyee baallii bulchiinsa isaanii Pireezidaantii haaraa Dr.Fiqaaduu W/Maariyaam Woddeessaatiif karaa nageyaatiin bakka miseensi manaajimantiifi bakka bu’aan ministeera barnootaa jirutti dabarsanii kennaniiru.

Haaluma kanaan, Bakka Bu'aa Itti Aanaa Pireezidaantii Dhimmoota Akkaadaamii ta'uun tajaajilaa kan turan Gargaaraan Piroofeesaraa Gammadaa Oddoo Roobaa, aangoo isaanii Itti Aanaa Pireezidaantii Dhimmoota Akkaadaamii ta’uun kan muudaman Dr.Fiqaaduu Lammaa Roobeetiif dabarsanii kennanii jiru.

Bakka Bu'aa Itti Aanaa Pireezidaantii Dhimmoota Akkaadaamii ta'uun kan muudaman Dr.Birhaanuu Lammaa akka jedhanitti, gara Yuunivarsiitii Bulee Horaatti dhufuu isaaniitti gammaduun muuxannoo duraan qabanitti gargaaramanii waan danda'an hunda hojjachuuf qophii ta'uu dubbataniiru.

Ministeera Barnootaa irraa sagantaa walharkaa fuudhiinsa aangoo Pireezidaantotaa kanarratti argamuun haasawa kan taasisan Obbo Caannee Addaafires akka jedhanitti, hundeeffama irraa kaasanii seenaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa kan beekan ta'uu himuun, jijjiiramni hardha muldhatu kun kan qaama hundaafi gaggeessitoonni duraanii fidan waan ta'eef gaggeessitoonni haaraan amma muudamtanii gara hujiitti dhuftanis hujii fuulduraaf isin eeggatu seeraafi seera qofa giddu- galeeffattanii hojjachuu qabdu jechuun dhaamaniiru.

Yuunivarsiitii Bulee Horaa.