Get Mystery Box with random crypto!

Amantiiእምነት

የቴሌግራም ቻናል አርማ amantiidhan — Amantiiእምነት A
የቴሌግራም ቻናል አርማ amantiidhan — Amantiiእምነት
የሰርጥ አድራሻ: @amantiidhan
ምድቦች: ሃይማኖት
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 906

Ratings & Reviews

5.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

3

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች

2022-07-25 17:18:47

179 viewsDanny El, 14:18
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-12-22 22:08:21 ULFINA ISA MUL'ACHUUF JIRU

Dhiphinni keenya si'anaa kun, ulfina isa nuuf mul'ifamuuf jiruu wajjin wal bukkee qabamee, ilaalamuu akka hin dandeenyetti nan lakkaa'a.
Uumamni hundinuu, mul'achuu ijoollee Waaqayyoo dhimmanii eeggachaa jiru.
Uumamni wanta gatii hin qabne akka ta'u godhameera;
➥inni illee ofii isaatii akkas ta'uu hin barbaanne, garuu isuma isa uumetu akkas isa godhe;
➥Haa ta'u iyyuu malee, akkas ta'uun isaa abdii qaba ture.
Uumamni, garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba in ba'a;
➥luba ba'uun kun gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti in geessa.
Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna.
Uumama sana duwwaatu aada miti; nuyi warri hafuura Waaqayyoo akka qabdiitti arganne iyyuu, ilmummaatti guddifamuu, namummaan keenya inni fooniis furamuu, dhimminee yeroo eeggannutti garaa keenyatti in aadna.
Nuyi abdiidhaan fayyine; abdiin ijaan argamu immoo abdii miti; namni waan ijaan argu in abdataa ree ?
Wanta ijaan hin argine yoo abdanne garuu, obsaan in eegganna.
Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara;
➥nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta'utti hin beeknu;
➥hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mul'isuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata.
Hafuurichi akka jaalala Waaqayyootti warra isaaf qulqullaa'aniif in kadhata;
➥Waaqayyo inni garaa namaa fonqolchu immoo, yaada hafuurichaa in beeka.
Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa;
➥isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha.
Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate,
➳fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.
Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera;
warra waame immoo qajeelota isaan godheera;
warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera.

GOOFTAAN KENYAA YESUUS HIN CAALAA

    Galatoomaa!!!
      °°°°°°Halkan Gaarii°°°°°°
Nagaan bulaa
715 viewsHope, edited  19:08
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-12-22 22:06:22

1.3K viewsHope, 19:06
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-12-21 23:43:36 Channel photo updated
20:43
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-12-21 19:33:20

691 viewsHope, 16:33
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-12-21 06:44:49




GOOFTAAN KEENYA YESUUS HIN CAALAA ..

Sagalee kanaan eebbifamaa obbolootaan channel kanaa

Kanatti bu'aa hordofaa
676 viewsHope, edited  03:44
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-12-19 19:47:48





GOOFTAAN KEENYA YESUUS HIN CAALAA
720 viewsHope, 16:47
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-12-19 19:00:11 HIN SODAATINA/ አትፍሩ

Waaqayyo ofuma isaatii si dura in adeema, sii wajjinis in ta'a, inni si hin dhiisu, si hin irraanfatus; hin sodaatin, hin na'inis!" jedheen.(K/Deebii 31÷8

" በፊትህም የሚሄድ እርሱ እግዚአብሔር ነው ከአንተ ጋር ይሆናል፥ አይጥልህም፥ አይተውህም አትፍራ፥ አትደንግጥ አለው።"
(ኦሪት ዘዳግም 31: 8)

GOOFTAAN KEENYA YESUUS HIN CAALAA

ጌታችን እየሱስ ይበልጣል
481 viewsHope, 16:00
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-11-12 15:15:37 WAAQAYYO HIN JIRU JEDHANII WARRA AMANAN MALLATTOOLEE ISAANII

. ILAALCHA WARRA GANANII (Atheism)
➥ Gantoota jechuun jiraachuu Waaqayyootti gonkumaa kan hin amanne jechuu dha. Waa‘ee yoo fudhanne karaa sadii ilaaluu dandeenya:-
➳ #A . Hojii ykn jireenya isaanii kan ganan.
➳ #B . Waaqayyo tasumaa hin jiru kan jedhan.
➳ #C . Keessatti amannii afaaniin kan ganan akkasumas afaaniin amananii keessa isaanitti kan ganan.
➥Haala kanaan baay‘een amantoota ofiin kan jedhan ganaa jiru. Sababni isaa laphee isaaniin in amana yoo jedhan iyyuu hojii isaaniitiin gananiiru. #Kanaafuu hundumtti keenya ofii keenya ilaaluu qabna malee kan birootti qofa quba qabuu hin qabnu. Ana ofiima koo irraa na eegi jechuu wayya. Gooftaan nu haa gargaaru!

. JIRAACHUUN WAAQAYYOO TASUMA BEEKAMUU HIN DANDAA'AMU KAN JEDHAN (Agnosticism)
➥ ilaalcha kana namoonii hordofan akkuma warra Waaqayyo jira jedhaniitti odeeffannoo saayinsaawwaa ta‘een jiraachuu Waaqayyoo beekuun akka hin dandaa‘amne sababa mataa isaanii dhiyyeesu.

. WAANTI HUNDIMUU WAAQAYYOO DHA; WAAQAYYOOS WAANTA HUNDUMAATI WARRA JEDHAN
(Pantheism)
➥Akka warra kanaatti immoo Waaqayyo uumama hundumaa keessa jira. Kana jechuun warra lubbuu qaban keessaas warra lubbuu hin qabne keessaas jira,
➥Waaqayyo jechuun wanta mul‘atus uumama hin mul‘atines jedhu.
➥Waanti hundinuu kan barabaraatti dhufaatiin isaanis kan mul‘atu waantota irraati jedhu.

. WANTOONNI ADEEMSA KEESSA DHUFAN WARRA JEDHAN (Evolutionsts View)
➥Akka warra kanaatti immoo yeroo ammaa kana wanti argaman adeemsa yeroo keessa uumaman ykn dhufan malee uumaa tokkotu uume hin jedhan.
➳ Dhala namaas waa‘ee hojii isaanis ta‘e yaada isaanii kan gaafatu Waaqni hin jiru jedhu.

. WAAQAYYO BAKKA JIRAATU TOKKO QABA; GARUU DHALA NAMAA GIDDUU HIN JIRU KAN JEDHAN
(Deism View)
➥warri kun immoo Waaqayyo waan uumettii namoota dabalatee walitti dhufeenya hin qabu jedhu.
➳Waaqayyo biyya lafaa kana uumee deemera. Dhala namaattis dhimma hin qabu jedhu.

. WALITTI DHUFEENYA HUMNOOTA LAMAA JIRA MALEE HUMNA QABEESSA TOKKOTU JIRA WARRA JEDHAN (Dualistic View)
➥Akka ilaalcha warra kanaatti immoo humnaan kan walgitan barabaraan kan jiraatan lamatu jiru kan jedhu dha. Kunis ifaa fi dukkana, gaarii fi hamaa, Waaqayyoo fi seexana waliin humna wal qixaan kan waliin tokko isa biraa cinatti hojetaa kan jiraatan malee qofaa isaatti Waaqa jabaa fi humna qabeessa kan ta‘e hin jiru jedhu.

. ILAALCHA WARRA WAAQOLII BAAY'EE HORDOFANII (Polytheistic View)
➥ ilaalichi warra akkanaa immoo waaqolii baay‘ee waaqessuu kan jajjabeessu dha. Sababa yeroo kaa‘an waaqni inni tokko yoo dheekkame gara waaqa isa biraa deemuun waaqessuutu dandaa‘ama jedhu. ➥Qofaa isaa waaqeffamuu waaqni barbaadu yoo jiraate, inni off ummaa dha jedhu.
➳#kanaafuu waaqa tokkicha yaadni jedhu hin jiru jechuun barsiisu.

Armaan olitti kan ibsaman ilaalchi garaa garaa marti sagalee Waaqayyoo ta‘e Macaafa Qulqulluun waan barsiisu irraa baay‘ee kan fagaatani dha.
➥Jiraachuu Waaqayyoo karaa ittiin beeknu tokkoo fi tokko qofa.
➳Kunis karaa mul‘ate qofaan amanuu dha. Kana jechuun immoo namni tokko Waaqayyo jira jedhee waan amane qofaaf Waaqayyoon beekeera jechuun hin dandaa‘amu.
➥Namni tokko Waaqayyoon akka waaqummaa isaatti beekera jechuuf yoo xiqqaate wantoota afur guutuu qaba. #Isaanis :
➳Waaqayyoon yoo amanu,
➳Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuu isaatti amanee yoo fudhatu,
➳Gooftaaf yoo ajajamu fi
➳Jaalala Waaqayyoon yoo jiraate dha.

    Gαℓαтσσмαα!!!
      °°°°°°Υєʀσσ Gααʀιι°°°°°°
   
sнαʀє waliif
          https://t.me/amantiidhan
918 viewsHope, 12:15
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-06-29 12:37:02 Maatewos 12÷7-8 Obboleessa Obboleettii ''GARA LAAFINA QABADHAA.Wanta Hundumaa irratti mo'icha argatutti . . . . 7 Garuu inni, 'Ani gara laafina malee, aarsaan barbaada miti jedhu, maal jechuu akka ta'e utuu hubattaniittu ta'ee, warra yakka hin qabnetti yakka hin murtan turtan. 8 Ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha" isaaniin jedhe. . KUNI SAGALEE GOFTAA KEENYA YESUSII.
1.7K viewsHope, edited  09:37
ክፈት / አስተያየት ይስጡ