ODUU ISPOORTII:
Morkiin xumuraa Waancaa Kilaboota Addunyaa har'a Cheelsii fi PSG gidduutti gaggeeffama.
Taphni xumuraa Waancaa Kilaboota Addunyaa har'a injifataa waancaa Koonfiransi Liigii Awurooppaa bara kanaa Cheelsii fi Injifataa waancaa Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa bara kanaa PSG gidduutti taphatamu hawwiin eegama.
Taphni xumuraa kun har'a halkan sa'aatii 4:00 eegalee kan taphatamu yoo ta'u, tapha kana irratti Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi Istaadiyeemitti argamuun ni daawwatuun eegama.
Tapha xumuraa waancaa kilaboota addunyaa yeroo jalqabaaf kilaboota Ingiliizii fi Faransaayi gidduutti taphatamu kun xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
Dorgommiin waancaa kilaboota Addunyaa Kun bara kana kilaboota 32 hirmaachisuun yeroo jalqabaaf bara kana qopheessummaa Ameerikaan gaggeeffame kun har'a xumura argata.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA