#Waamicha #Yuunivarsitii_Jimmaa Barattoota idilee digrii jal | ABDII SABAA

Picture 1 from ABDII SABAA 2024-09-14 14:47:00
#Waamicha
#Yuunivarsitii_Jimmaa

Barattoota idilee digrii jalgabaa fi digrii 2 faaf 3 faa Yuunivarsitii Jimmaa hundaaf Galmeen keessan bara barnootaa 2017A.L.I. gaafa Fulbaana 20-21, 2017A.L.I. kan gaggeessamuu waan ta'eef reejistiraara kolleejjii ykn instiitiyuutii
keessatti barattanitti qaamaan argamtani galmee akka raawwattan cimsinee beeksisna.

Yaadachiisa:

Galmeen iyyattoota sagantaa eebbaan boodaa (digirii 2ªf 3) kan gaggeessamu gabxiin qormaata NGAT erga gadhiifamee booda akkaataa beeksisa bahuun ta'a.

Galmeen barattoota sagantaa Remedial kan gaggeessamu sagantaa barattoota digirii jalgabaa haaraa bara 2017A.L.I. yunivarsiitichatti ramadaman wajjin waan ta'eef beeksisni kun isaan hin ilaallatu.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA
ABDII SABAA

ABDII SABAA

@abdii_sabaa
595.12K ተመዝጋቢዎች
ዜና ምድብ
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university