2022-08-30 10:56:23
Arsenaal taphataa mirgaa mallatteessisuuf taphattoota hedduu waliin wal qabatee kan ture yoo ta'u, akka gaazexoonni Ispeen tokko tokko jedhanitti kilabiin keenya Arsenaal urjii Baarseloonaa Antooniyoo Giriizmaaniif fedhii akka qabu ibseera.
Antooniyoo Giriizmaan qarshii miiliyoona 106n Atleetikoo Maadriid irraa gara Baarsaatti makame.Haa ta'u malee waan Baarseloonaa irraa eegamu guutuu waan hin dandeenyeef ergisaam Atleetikoo Maadriidiif kenname.
Akka The Boot Room jedhutti Kilabiin keenya tarree taphattoota mallatteessisuuf karoorfatan keessa akka jiru The Guardian gabaaseera.
Taphattoota biroo kilabiin keenya gama mirgaatiin mallatteessisuuf karoorfate keessaa Muusaa Diyaab Leverkusen irraa, Pedro Neetoo Wolves irraa, Marco Asensio Riyaal Madrid irraa, Mudric Shaaktar Donetsk irraa fi Antooniyoo Griezmaan Atleetikoo Maadriid irraa ni argamu.
Ilaalcha koo
Muusaa Diyaabii - Kilabichi akka isa hin gadhiifnee fi kontiraata haaraa dheeressuuf akka jiru waan beeksiseef carraa socho'uu hin qabu.
Asensiyoo - Kilabiin keenya kallattiin Maarkoo Asensiyoodhaaf gaaffii hin dhiheessine, Arsenaal immoo gurbaa kana mallatteessisuuf gaaffii dhiyeessuu qaba, kanaaf jijjiirraan kun hin milkaa'u.
Pedro Neto - Akka Fabrizio Romano jedhutti, Deevid Orneiste, Peedroo Neto gatii ol'aanaa waan qabuuf carraan jijjiirraa gadi aanaadha.
Antooniyoo Giriizmaan- Arsenaal Giriizmaan dargaggeessa waan hin taaneef nii mallatteessisa jedhamee hin eegamu.
Mudric - Dargaggeessa, dandeettii fi baay'ee qaala'aa waan hin taaneef carraa socho'uu ni qabaata.
449 viewsSami Hirko, 07:56