2023-05-05 12:50:21
W-ar-a-an-ni Bil-isu-mmaa Oromoo Zoonii Giddu galaa marii haala yeroo irratti gochaa ture milkiin xumuruun kaadhimamtoota barnoota wa-ra-an-aa fi Siyaasa ji'ootaaf barsiisa turees bifa milkii qabuun eebbisiise dirqamatti bobbaasuu inbse.
W-ar-aa-nni Bilisu-mmaa Oromoo qabsoo Oromoo Dhiigaa fi lafeen dhuftetti goolabbii tolchuuf qabsoo Obsa fixachiisa kallattii siyaasaa fi waraanaatiin taasisaa jira. W-ar-a-an-ni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu galaas humns Oromoo jabeessuun impaayera Itoopiyaatti xumura gochuuf hidhannoo sammuu fi wa-r-aa-na-n miseensota isaa gahoomsu irratti argama.
Bu'uuruma kanaan torban April 29 fi 30 miseensota waraana cufa waliin haala yeroo mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti marii bal'aa godheera. Marii kana irratti kan argaman Miseensi Koree Hojii raawwachiistu ABO-WB0 fi Ajajaan WB0 zoonii Giddu galaa Jaal Sanyii Nagaasa ergaa dabarsaniin ;
“qabsoo gootummaa WBO gochaa jiruun seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti sadarkaa idil addunyaatti bakka qaamni sadaffaa jirutti impaayerri itoopiyaa mariif taa'uun kun kan jalqabaa ta'uu ibsuun kunis ta'uu kan danda'e gootummaa jaallan dirree qabsoo argamsiisaniini jedhan. Kana irra dhaabbannee gaaffi Oromoo jaarraa oliif aarsa itti kanfalamaa as gahe karaa hin sharafamneen deebii kennuuf naamusa waraanummaa keenyaa, ijjannaa fi murannaa keenya daran cimsuun qabsoo Oromootti goolabbii tolchuuf kan durii caala qophii ta'uu qabnaa” jedhan.
Itti dabaluunis “Zooniin Giddu galaa akka qabsoof aanja'utti hundaa'u akka qabu waggaa 10niin dura koreen hojii raawwachiistu ABO kan murteessee fi bu'uura murtee kanaan yeroo garagaraatti w-ar-a-a-na dirree kanatti hundeessuuf yaaliin godhamaa ture milkaa'u baatus aarsa ciccimaa waltaane kanfalleen WB0 Zoonii Giddu Galaa hundaa'e gandoota baadiyyaa aanaa dhuunfachuun fageenya magaala finfinneerra km kurnaniin lakkaa'amu irraa lol-aa Jirra” jedhan.
Itti aanaan ajajaa WB0 zoonii Giddu galaa Jaal Jireenya Rabbumaas haasa godhaniin;
“Lafa w-ara-‘ana ijaaru mitii keessa deemuun ni danda'ama jedhamee hin eegamnetti aarsa kanfallu hunda kanfallee w-ara-‘ana hagana gahu ijaaruun mallattoo jabinaa yoo ta'u funyaan finfinnee jalatti gandoota haga kanaa dhuunfachuun lol’’aani malee tolaan akka hin dhufne jaallan nu biraa wareegaman ragaadha”jedhan.
“Gara fuulduraattis gufuu qabsoo saba keenyaa hunda diigne Oromiyaa Walabaa ijaaruuf gahumsaa fi qophii ta'uu” himan.
Kana malees malees May 3,2023 kaadhimamtoota ji'ootaaf leenjii w-ara-‘ana fi siyaasaan barsiisa turan eebbisiisuun dirree qabsootti bobbaasuu eeran.
2.1K views09:50