Get Mystery Box with random crypto!

Baga torban 2ffaa sooma Guddichan isin Ga'e!!! Torban 2ffaa | ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪

Baga torban 2ffaa sooma Guddichan isin Ga'e!!!
Torban 2ffaa sooma guddicha Qulqulleetti (qidisit) jedhama. Moggaasa maqaa kana kan kennefis qulqullicha Yaaredidha. Qulqulleettii kan jedhameefis waa'ee qulqullina sanbataa waan dubbatuuf. Qulqulluun Yaareed kitaaba sooma Digguwaa jedhu irratti torban kanaaf faarfannaa akkas jedhu kan itti faarfate dha. 

"Waaqayyoof bitamaa, maqaa isaas waamaa, hojii isaas ormatti himaa, maqaa isaatiifis galata dhiheessaa, sanbata kabaja, waan gaariis godhaa, kan nyaattuun hin balleessine kan hattuun hin agarre galmee samiirraatti walitti qabadhaa, kan qophooftan tahaa, gara kiristoos jiru gara oliis yaadaa" jedha.Torban kun egaa torban Gooftaan keenyaa  Iyyasuus Kiristoos isaa kufe ol kaasuf kan dhadhabe utubuf kan Abdii kute abdii itti hooruuf gara addunyaa kanatti erga dhufe booda nu barsiisuf gara gadaamii Qorontoos seenun guyyaa inni sooma itti eegaledha (Maat 4:1_).

Torban kana keessaatti qulqulleettin mana kiristaanaa keenyaa waa'ee waaqayyoof bitamu, sagadu, galatefachun akka ta'uf fi qulqulluumma isaa ni barsiisifti. Kana malees amantoota ijoolleeshee waa’ee qulqullummaa gadi fageenyaan yeroo bira caalaa torban kana keessa ni barsiifti. Sirna Qulqulleessa (“qiddaasee”) irrattis lallabni lallabamu, ergawwan dubbifamanis, hojii Ergamootaa fi wangeelli dubbifamanis waa’ee qulqullummaa kan barsiisani dha.
Qulqulluu jedhame kan galatefamus argama qulqulluu kan ta'e, qulqulluumasatin kan galatefamu, qulqulluumma isaan kan jiraatu, qulqulluumman amala kan ta'eef qulqulluun qulqulloota waaqayyoodha. 

Qulqulluun Yohaanis "si duwwatu qulqulluudha" jechuun Ergamoonni sammiirratti faarfanna garbicha isaa Muusedhan akka galatefatan barreesera (mul 14:3_5).
Waaqayyon kan dhagesse  Haannaan "akka waaqayyo qulqulluun hin jiru... Isa irraa kan hafee qulqulluun hin jiru"  jechuun faarfatteti.(1ffaa.Sam. 2:2).
Raajichi Isaayyaas Waaqayyoon qulqulluu qulqulluu qulqulluu jedhamee boqonnaa malee guyyaa fi halkan akka galateeffatamu fi kan isaan dorgomuu akka hin jirre dubbateera (Isaa 6:3, 40:25).
Waaqayyoo ofi isaati yeroo ofi ibsuu "Ani waaqni keessaan qulqulluu akkan ta'ee isinis qulqulluu ta'a"( See.Leew 19:2 1peex 1:15) jechuun waaqayyoo dubbateera.  Egaa maqaan isaa qulqulluu inni ta’e uumaan uumamtoota hundaa inni qulqulluummaa isaatiin warra kan isaa ta’an warra isatti amananii isaaf abboomamanii jiraatanis akka qulqulleessu barreeffameera, fakkeenyaaf, foon isaa fi dhiiga isaa fudhachuutiin akka qulqulloofnu, inni Sanbata akka qulqulleesse, aarsaa gara mana Waaqayyootti amantootni galchan hundumaas kan qulqulleessu Waaqayyoo isa qulqulluu dha.

Gadii siqee waaqayyoo akkas jedha".......Guyyaa Sanbata kootiis eegaa!"( Leew 19:3).  Kanas waaqayyoo qulqulluu kan ta'ee waa'ee qulqulleetti sanbata kabajuu akka qabnu kan nu barsisudha fi sanbanni qulqulluu ta'uu ishee akka hubannu kan dubbatedha.
"Guyyaa Sanbataa qulqullinaatti eeguudhaaf yaadadhu! "(  seera ba'uu 20_8_11)
" Waaqayyo waan uume hundumaa raawwatee guyyaa torbaffaatti waan boqoteef, guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses."
(Seera Uumamaa 2: 3)
..........Torban kana keessaattis yeroo sirna qulqulleessas kan dubbifamu (1 Tas 4:1_12, 1Pex 1:13_ 25, HDB 10: 17_30 , Faar 95/96:5).
   
  Eebbi sanbata qulqulleetti hunda keenyarra haa baluu!

Join https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT