Get Mystery Box with random crypto!

BAGA GEESSAN Sooma gosa akkamii soomnu? Akka tasaa akka | ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪

BAGA GEESSAN

Sooma gosa akkamii soomnu?

Akka tasaa akka sooma bara raajicha Isaayyas keessa sooma faayida hin qabne akka hin taanef of eegadhu! Nuyi maalif soomne? Ati nuuf hin beekne erga ta'ee, nuyi maalif of dhiphifnee? (Raj. Isaa. 58:3). Gooftaanis akkana jechuun ni deebisaaf "soomiin ani foo'adhe isa akkasiiti ree? Inni isin soomuudhaa jettan, isa namni gaafa tokkoon of dhiphisee, akka dhalladduu coollagee mataa isaa gad-qabatee, uffata gaddaas uffatee daaraa keessa taa'u kanaa? Guyyaan waaqayyo jaallatus isa kanaa?" (Raaj. Isaa. 58:5) jedhenii

Yaa saba waaqayyo sooma nutii soomnu hunduu akka hin fudhatamnee hin beektanii. Torbanitti guyyaa lama kan soome namichi warra faarisootaa kan ta'e qaraxa funaana ture sun sooma isaatiif gatii wanta tokko illee hin arganne. (Luq 18:12). waa'ee cubbuu raawwannef osoo hin dhiphatin, osoo gad of hin qabinii fi osoo of hin salphisin soomun bela'uurra hin jiru.

Bara raajicha Ermiyaas keessa kan ta'e soomiin cubbamtoota akkanumaan gatii kan hin qabne ture. Kadhanna isaanis hin dhageenyeef." Isaan soomanii yoo kadhatanis ani isaaniif hin dhaga'u;"(Raaj Ermi 14: 12)
Sababni isaa abboomamuu dadhabaniiru. Ni soomuu garuu abboomii waaqayyoo irra fagaataniiru.

Namatti muldhachuuf warreen soomaan hunduu amma bakka jiranii of yaadachun, fedhii waaqayyoo isaanirra barbaadu raawwachuu qabu. kanaan alatti gatiinii isaanii biyya lafaa nama fulduraatti hafa waan ta'eef. "Yeroodhuma soomtanitti immoo, akka warra of argisiiftuu nyaara keessan hin guurinaa! Isaan soomuun isaanii namootatti akka mul'atutti, fuula isaanii in boosomsu; dhuguman isinitti hima, isaan gatii isaanii fudhataniiru".(Maat 6:16)

Egaa hunduumti keenya bakka jirru dhabbanne of haa qorannu. Sooma turre malee bu'a tokko hin bufnee akka hin jennef, kan narra eegamuu maaltu hir'dhate? jechun har'a of haa qorannu. Hiikaa sooma sirritti haa hubannuu; bu'a sooman argamuus haa beeknu. Yeroo tokko tokko akka waan qaama biraaf hojjennuti gaafa soomni dhufuu kan jibbinu ni jira. kun garuu fedhii foon keenyaan qorumsa nutti dhufuu waan ta'eef irratti haa barru. Garuu namoonni hiika sooma beekaan gammachuun simatu.yeroo itti hojii gudda lubbu isaaniif itti buufatanii dhas. Kanaaf nutis sooma kana sooma gammachuun simannee gatii lubbuu keenyaa itti argannuu waaqayyoo nuuf haa taasisuu.  Sooma of agarsiisuf soomnu osoo hin taane sooma gaabbii  itti gallee gatii lubbuu keenyaa itti argannu waaqayyi nuu haa taasisuu.  "Ati garuu yeroodhuma soomtutti, mataa kee dibadhu, fuula kees dhiqadhu, Soomuun kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argutti malee, namota duratti akka hin mul'anne godhi! Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu immoo gatii siif in kenna" (Maat 6:17-18)

Soomaa ittin gatii lubbu itti argannuu waaqayyoo nuuf haa taasisuu!