Get Mystery Box with random crypto!

+++HAADHA IFAA+++ Durbee maariyaamiin tokkittidha koochoowwan | ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪

+++HAADHA IFAA+++

Durbee maariyaamiin tokkittidha koochoowwan lama garuu qabdi.Kunis qulqullummaa foonii fi qulqullummaa lubbuuti.Waaqa akka deessuuf kan geesises kanuma.Uumaa samiif lafaas akka barruu isheetti baattu kan godhes kanuma.Ibiddi waaqummaas ishees hin gubne.Osoo hin dahiin duras ta'e deessee boodas durbadha.Waaqa hin jijjiiramne barabaraan jiraataa isa ta'e sanaaf haati isheedha. Osoo hin dahiin durba yeroo deesses durba deessee boodas isheen durbadha.Maat.1:18

Haatii keenyi biiftuu bahaati.Gooftaa hunda olii qofaatus bultoo taasifate.Ilmishee biiftuu qajeelummaati.Durboon baha biiftuu jedhamte yennaa addunyaa kanatti dhufte ifa dhugaan addunyaaf ife.Waaqni afdunyaan dukkanaan weeraramee akka hafu sila hin barbaanneef ifti jireenyaa karaa ishee akka bahuuf dursee ishee qopheesse.Yeroo kanas dhalli namaa dukkana keessa ture ifa guddaa arge.Maat.4:17 Kana jechuun dhala namaa ganiinsaan tureef mataa amantii kan ta'e kiristoos dhalateefi.Dhala namaa garbummaan hidhamee jiruuf angafi lubootaa kiristoos dhalateefi.Dhala namaa wallaalummaan tureef ogummaa dhugaa kan ta'e kiristoos dhalateefi.Dhala namaa beelaa fi dheebuun turaniif dhiigaa fi foon isaa kan kennu kiristoos ni dhalateef.Dhala namaa hojiin Daabiloos fakkaata turaniif fakkeenyi dhugaan kiristoos dhalateefi.

Namoonni tokko tokko kiristoos durbee maariyaamii irraa dhalatee kan irraa adda bahe itti fakkaata.Anis nan jedha yaa gowwaa Gooftaan foon koo kan nyaate dhiiga koos kan dhuge ani isa waliin innis ana waliin jiraata kan jedhe foonii fi dhiiga ishee kan fudhate haadha isaa irraa kan adda bahu sitti fakkaataa?

Koochoon ishee tokko kana.Qulqullummaa!Isheen tokko taatee osoo jirtuu durba.Akkasuma haadha.Haadhas durbas sila taateef lama hin jennu.Giddugaleessummaan kana.Kunis Hojii lama waalomaan qabattee argamuu isheeti.Kuni maalif ta'ee? waa'ee kiristoos barsiisuufi.Inni waaqadha.Inni namadha.
Ta'us garuu waaqas namas sila ta'eef kiristoos tokko malee lama hin jennu.Giddu galeessa kan jennus kanumaafi.

Michuu koo caqasa kana qabattee inni araarsaa jechuuf hin aariifatiin.Waaqni Abbaan waaqa garuu nama hin taane.Waaqni Afuura qulqulluunis waaqa garuu nama hin taane Waaqni Ilmi garuu waaqa nama immoo ta'eera.
Kanaaf maaf ilmi giddu galeessa tokkicha waaqaa fi nama gidduu jiru jedhamee? Waaqummaa fi namummaa waloomsee kan mul'ate isa qofaa jechu malee kan biraa miti.Aangoon gadi hin jenne abbaa waliin tokko.Bakkaanis akka hin jenne teessoo abbaa waliin jira.

Giddu galeessummaan isaa Walooma agarsiisuuf malee araarsummaa ibsuuf miti.Inni mataa isaa jireenya.Jireenya kadhatee kan siif kennu sitti hin fakkaatiin.Yoh.11:25

Yohaannis Afaan Warqeen barreeffame.

Obboloota koo afuuraa adaraa keessan kadhannaa keessaniin WaldeTinsa'e jedhaa na yaaddadhaa!
Fuula Telegiraamiin Miseensa ta'uuf
@Naataniim
Fuula yutuubin subscribe gochuuf
https://www.youtube.com/c/TaodokosTube

Yaadaaf Gaaffii asiin na quunnamaa!
@Rabuuniikoo