Get Mystery Box with random crypto!

Akeeka kee Akeekkadhu 'Akka abaluun sirbaan morma nama jallis | Lalisa T Ayana CHANNEL

Akeeka kee Akeekkadhu

"Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa" jedhu warri keenya Yeroo mammaakan. Mammaakan dubbii eegalu, mammaakan dubbii xumuru. Kuni dubbiin Oromoo Oromoo jennee eenyummaa keenya ittiin dhaadhessuuf osoo hin taane seeraaf sirna isaa keessatti uummanni keenya kallattiin ati badii qabda ykn ati yakkamaadha ittiin jechuurra kallattii inni ittiin hin miidhamneen ergaa dabarfata.

Baay'ee dubbachuu koo irra garan waanan dubbachuu barbaaddettan deema na faana bu'i. "Akeeka kee Akeekkadhu" akkuman dura mammaksaan eegale. Jireenya nuti addunyaa kanaa irratti jiraataa jirru keessatti harki caalaan namoota isa namoonni muraasni dalagan daawwachuudhaadhan maamila(customer) ta'anii jiraatu. Kun dhiibbaa warri muraasni Uumaniin garri caalu dhiibamaa oola. Isaan ofii isaanii miseensa (Subscriber) taasifachuudhaaf hirriba dhabu.

Warri miseensa ta'an immoo qoosaa ykn tapha akka gaariitti illee barnoota dabarsuufii hin dandeenye irratti sa'aatii isaanii gubaa oolu. "Akeeka kee Akeekkadhu" . Barreeffama olii kana akka fakkeenyaattin xiqqoo irraa dawwadhe. Kan Akeeka ofii malee nama akeekkatan danuudha. Ati Akeeka qabdaa ?. Akeekuma keetti jirta moo waanuma namni jiraatuuf jiraattee,waanuma namni nyaatuuf nyaatta ?. Yoo akkas tahee rakkoo hin qabu isa hojjetuuf miseensa(Subscriber) taatee jiraachuudhaan namoota biroof illee akeeka isaa fiixaan baafteefi darbita.

Yoo akeeka qabatte immoo akeeka kee irra ejjettee galma kee bira gahuudhaaf kan namaa faana fiiguu dhiiftee kan keetiif mataan si bowwaafata. Akkas taanan as na dhageeffadhu. Daboo ollaadhaaf kan deeman ofii hojii dhabanii miti. Guyyaa biraa atis ofii kee daboo kadhachuu waan dandeessuufi. Akkuma kana akeekni kees of eeggannoo godhaafii fiiguu qabda ykn guyyuma hundaa deemtee dhaabbatta taanan akka kufte beekkadhu. Daldalaan tokko hojii daldala isaa guddifachuuf asiif achi kan fiigu,maaloo beeksisa naaf beeksisi maamiltoota koo naaf jajjabeessi kan siin jedhu yoo tahe akeeka isaa fiixaan baafachuuf areeda. Atis akkuma isaa daldalaa taheen hojjedha jettee fiiguu hin qabdu. Ni baratta taanan barnoota keetiif bakka gaarii kennitee Akeeka keef of eeggachuu qabda.

"Akeeka kee Akeekkadhu"

Maddi ( source) :- social media

#share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa

▬▬▬▬▬▬ T.me/Lalisa_T_Ayana ▬▬▬▬

▬▬ Facebook Open ▬▬