Get Mystery Box with random crypto!

IMAAMU SHAAFI'II MANA IMAAMU AHMAD KEESSATTI ?? Seenaa Qorsaa | .

IMAAMU SHAAFI'II MANA IMAAMU
AHMAD KEESSATTI ??

Seenaa Qorsaaf Gorsaa. .

Imaamu shaafi'iin sheekha imaamu
ahmad turani,
Imaamu ahmad imaamu shaafi'ii
akkaan jaalatu,
Yoo imaamu shaafi'ii faarsan:

Imaamu shaafi'iin addunyaa tanaaf
akka aduuti, Ilma namaatiif akka
fayyaati, je'an,
Gaafa tokko imaamu shaafi'iin
imaamu ahmadiin ziyaaruuf fe'atanii
mana imaamu ahmad dhufan,
Imaamu ahmad akkaan gammadanii
akka gaaritti simatan,

Ergas nyaata qopheessanii qorii
guutanii imaamu shaafi'iif erbaata
dhiyeessan,
Imaamu shaafi'iin waan qorii keessa
jiru osoo waan tokko hin hambisin
fixan,
Ammas eddoo hirribaa kenninaaniif
imaamu shaafi'iin firaasha irra
bahanii ol gara galanii hirriba itti
tuqan,

Wayta ganamni bari'u mucattiin
imaamu ahmad imaamu ahmaditti
dhuftee: Yaa Aabbichoo ! Imaamu
shaafi'iin ati faarsitu suni kanaa ??
jetteen: Eeti isaanuma kana, je'aniin:
Maarree ani nama kanarratti waa sadi
argee, jetteen: maal fa'a garte mee ??
je'aniin: Tokkoffaa, nyaata qorii
guutuu itti kenninee qoriin qullaa ol
galte, Lammaffaan, Nuti eddoo
hirribaa kenninaaniif ol gara galee
hirriba itti tuqee waa salaata
leeyliitiifi tahajjuda wahiitiifuu hin
dhaabanne, Sadaffaa, Salaata subhii
udu'a malee nuun salaate, jetteen,
Dubbiin mucattii imaamu ahmadiin
akka malee dhibdee dubbii akka
baruuf gara imaamu shaafi'ii
deemanii wayta ajaa'iba kana
himaniif: Eeti sadanuu anatu qaba,
Tokkoffaa, Wanti nyaata akkasitti
nyaadheef, nyaata keessantu maddi
isaa halaala irraa waan ta'eefi,
Akkasuma nyaata nama gaariiti,
nyaanni nama gaarii dawaadha,
nyaanni nama dony'aa dhibeedha,
ani nyaata kana garaa guuttatuuf
osoon taane ittiin dawaa
godhachuufi,
Lammaffaa, Hogga isin bakka hirribaa
naaf kennitan wanti ani leeyliif
tahajjuda salaatuu dhabeef,
Hogguma hirribaaf ol gara gale, Akka
waan qur'aanaaf hadiisni Rasuulaa
S,A,W, Na fuuldura jiruu, Qur'aana
kanaaf hadiisa keessaa gaafiifii deebii
ummata islaamaatiif bu'aa qabdu
torbaatamii lama 72 qopheessaa
bule, kanaaf yeroo argadhee salaata
leyliitiif tahajjudaa ka'uu dhabe,
Sadaffaa, Wanti ani wuduu'a malee
isiniin salaateef, Ani akka galgala
ciisee hirribnuu na qabee hin rafnee
waan wudu'a haarayoomsuuf hin
jiruu, je'aniin, , , ,
____ ﻓﺴﺒﺤﺎﻥ ﺍﻟﻠﻪ ﺍﻟﻌﻈﻴﻢ . .

Yaa Rabbi ! Mee iimaana jara saniif
kennite nuufis kenni, Iimaanatu
akkana nama dalaysiisaa,
Mee namni iimaana dheebuu qabdan
"Aamiin" je'aa,

Waan nama ajaa'ibaa kana obboloota
keetiifis SHARE COPY PAST godhi,
Ajrii hanga qubeetiin argattaa,