Get Mystery Box with random crypto!

Nannoo Kutaa magaalaa boletti balaa ibidaa ka'een sukileen dal | Gadaa Post

Nannoo Kutaa magaalaa boletti balaa ibidaa ka'een sukileen daldalaa 10 barbada'anii.

Guyyaa kaleessa guraandhala 9/2015 halkan sa'aatii 7:51 tti magaalaa finfinnee kutaa magaalaa bole Aanaa 12 iddoo addaa bulbulaa jedhamee wammamuutti balaa abidaa ka'een suukinii daldalaa 10 barbaada'uu koomishiniin yaddoo balaa fi abidaa beeksiseera.

Abidaa dhamsuuf konkoolatoonni to'annoo 4 , anbuulansii 1 , hojjeetoota to'annoo balaa 27 kan irratti hirmaatan yoo ta'uu ,balaa abidaa osoo babal'atee balaa hin geessiin to'achuun ibsameera.

Balaa abidaan namarraa miidhaan akka hin qaqqabaneefi midhaan qabeenyaarra gahe hammaam akka ta'ee fi ka'uumsi balichaa mal akka ta'ee qoratama akka jiru duubatameera.

Magaalaa finfinneetti balaan abidaa irraa dedeebiidhaan muudatee midhaa qaqqabsiisuuratti argama.

Karaa biraatiin balaan kammiyuu yeroo sinii muudate balichii osoo hin babal'atii. Lakkoofsa bilbilaa bilisaa 939 irratti daftaanii akka beeksiftaan koomishiniichii beeksiseera.

@Gadaa_post