Get Mystery Box with random crypto!

Sudaanitti balaa lolaatiin manneen kuma 9 ta'an guutuuman guut | Gadaa Post

Sudaanitti balaa lolaatiin manneen kuma 9 ta'an guutuuman guutuutti barbaadda'uu fi manneen kuma 27 irratti miidhaan akka gahu taasiseera.

Naannooleen sudaan xiqqoo hin jedhamne roobaa cimaa fi lolaadhan rakkaachuu ibsameera.

Torbee kana qofa biyyatiitti naannoo blue nile qofatti sudaanonni 77 lolaadhan fudhatamaniiru jedhameera.

Balaa kanan manneen kuma 9 guutuuman guutuutti barbaadda'u manneen kuma 27 ta'an irratti miidhaan qaqqaabu CGTN gabaaseera.

Akka gabaasichaatti balaa kanaan manneen barnoota dabalatee tajaajili ummata barbaadda'aniiru.

@Gadaa_post