Get Mystery Box with random crypto!

Obbo Warquun maamila Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaati. Michuun | Cooperative Bank of Oromia

Obbo Warquun maamila Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaati. Michuun daldalasaanii akka itti fooyyesse akkanatti ibsu.
“Michuu tajaajila liqaa wabii malee Interneetiirraa argeen, gara Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa deemee tajaajila liqaa kana faayadamaa ta’uu danda’eera.
Yeroo sadiif tajaajila liqaa kana argadhee hanqina maallaqaa guddaa na mudataa ture irraa furameera. Ammas taanaan liqa Michuun argadhu kanatti fayyadamee biizinasii koofi galii koo guddifachuurrattin argama.
Liqa kana hanga feene yero yerootti liqeeffachuu dandeenya. An amma liqan argadhu kana fayyadamee suuqii dabalataa banachuurraattin argama.”
Tajaajila liqaa wabii hin gaafanne
Liqa digitaalawaa, saffisaaafi amanasiisaa ta’e
Michuu tajaajila liqaa dijitaalwaan jireenya keessan fooyyeffadhaa!

#MichuLoan #Coopbank #DigitalBanking