Get Mystery Box with random crypto!

Adoolessa 13/2015 Yuunivarsiitiin Bulee Horaa Barattoota Ogumm | Bule Hora University

Adoolessa 13/2015
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa Barattoota Ogummaalee Adda Addaatiin Barsiisaa Ture Marsaa 10 ffaaf Eebbisiise.

Yuunivarsiitichatti barattoonni ogummaa garaa garaatiin barataa turan digirii jalqabaa 907 fi digirii lammaffaa 392 wolumatti barattoonni 1299 guyyaa har’aa bakka Obboo Ahimad Adem Itti Gaafatamaan Dhabbilee Barnoota Olaanoo akkasumas Obboo Adulaa Hirbaayyee Bulchaan Bulchiisa Godina Gujii Lixaa fi Miseensa Boordii Yuunivarsiitii Bulee Horaa fi Abbootiin Gadaa argamanitti bifa how’aan eebbifamaniiru.

Saganticharraatti ergaa baga gammaddanii kan dabarsan Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dr Fiqaaduu Woldemaariyaam milkii injifannoo qorumsa ba’umsaa si’a jalqabaaf kan ittiin milkooftan isin gootota, waan ta’eef baga ittiin isin gahe jechuun, barnoota barattan kanaan ifirra dabartanii biyyaaf akka tajaajiltan abdii cimaafi imaanaa qabdu jechuun dhaamaniiru.
Yuunivarsiitii Bulee Horaa