Get Mystery Box with random crypto!

Amajjii 6/2015 IBSA GADDAA Barsiisaa Abdataa Alamaayyoo Daba | Bule Hora University

Amajjii 6/2015

IBSA GADDAA

Barsiisaa Abdataa Alamaayyoo Dabalee, Yuunivarsiitii Bulee Horaa kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namoomaatti Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu keessa barsiisaa kan turan, dhibee xannacha sammuutiin qabamanii, yaalii garaagaraa Waggaa tokkoof ji'a 6f yaalamaa turanii umurii isaanii waggaa 35tti guyyaa hardhaa du'aan addunyaa kanarraa boqataniiru.

Barsiisaa Abdataan Digirii isaa jalqabaa Yuunivarsiitii Madda Walaabuu irraa bara 2002'tti Digirii 2ffaa immoo Yuunivarsiitii Finfinnee irraa bara 2009'tti kan eebbifaman yoo ta'u barsiisaa Abdataan Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokkossaa Ganda Eebanootti kan dhalatan abbaa daa'ima lamaa turan.

Yuunivarsitiin Bulee Horaa du'aan boqachuu barsiisaa Abdataa Alamaayyootti gadda guddaa itti dhagahame ibsaa maatii, firoottan isaatiif akkasumas, jaallattoota isaa dabalatee barsiisota Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu hundaaf jajjabina hawwa.