Get Mystery Box with random crypto!

Muddee 27/2015. YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI KOLLEEJJIIN INFO | Bule Hora University

Muddee 27/2015.
YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI KOLLEEJJIIN INFOORMAATIKSII BARATTOOTA BARA 2015TTI EEBBIFAMUUF QOPHIIRRA JIRANIIF MOODEELA QORUMSA BA'UMSAA (EXIT EXAM) KENNE.

Kolleejjiin Informaatiksii barattoota isaa bara 2015 A.L.I tti eebbifamaniif, qorumsa ba'umsaa (exit exam) fudhatan haala gaariin qopheessuuf sadarkaa kolleejjiitti hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu ibse.
Bu’uuruma Mootummaan biyyattii kaa’e irratti hundaa'uun Sadaasa 17/2015 barattoota kolleejjichaa bara 2015 eebbifamaniif dhimma qorumsa bahumsaan walqabatu irrati mariin hubannoo uumuu gaggeefamuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan, kolleejichi koorsiwwan adda baafaman irratti erga tiitoorii barbaachisoo kenneen booda, moodeela qorumsa ba'umsaa marsaa duraa sadarkaa koolleejjiitti barsiisota waliin ta’uun barattoota muummeewwan afuriif karaa oollaayinii (online) ta’een kennuudhaan milkaa’inaan xumuramuu isaanii, Diiniin Kolleejiichaa Gargaaraan Piroofeesaraa Dassaaleny Awwoqee ibsaniiru.

Kaayyoon moodela qormaata bahiinsaa kun barattoota dadamaqsuufi qorumsa ba'umsaa irrattis gahumsa akka qabaatiinf kan yaadamedha jedhan ammo, Itti Aanaa Diinii Kolleejii Infoormaatiksii Barsiisaa Aseffaa Danboobiiti.

Ogeessa Infoormeeshiinii fi Teekinooloojii kan ta’an Obbo Teessoo Diidoo akka jedhanitti, hojiin karaa ammayyaatiin elektirooniksiifi intarneetii (e-learning) fayyadamuun qorumsa ba'umsaaf barattoota qopheessuu akkuma Kolleejjii Infoormaatiksiitti eegale, kanneen biroonis gamanumaan hojii akkasii jalqabuu qabu jedhan. Dabalataanis, barsiisotaa fi barattoota kolleejjiiwwan hafaniif itti fayyadama sirnichaa irratti leenjii barbaachisu kennuuf kutaan hojii Daayirektoreetii ICT (Information Communication Technology) qophaa’aa ta’uus dubbataniiru.

Jijjiirama Fulla’aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.