Get Mystery Box with random crypto!

Muddee 24/2015. YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI WALTAJJIIN M | Bule Hora University

Muddee 24/2015.
YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI WALTAJJIIN MARII MATA-DUREE “GAHEE HAYYOONNI IJAARSA BIYYAA KEESSATTI QABAN’’ JEDHU BU’UUREFFATE MISEENSA KAAWUNSILII BULCHIINSAA YUUNIVARSIITICHAA WALIIN TAA’AMAA JIRA .
Waltajjii kanarratti haasawa baniisaa kan godhan Dr. Taammiruu Aanolee Pireezideentii Yuunivarsiitii Bulee Horaa, akka dubbatanitti turtiin marii waliinii kun, dhimma ijaarsa biyyaa keessatti gaheen hayyootaa olaanaa waan ta’eef, marii gadi fagoo taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsuudhaan, barsiisonnii fi qaamoleen bulchiisaa harcaatii malee xiiyyeeffannoon waltajjii kana akka hordofan dhaamaniiru.

Sanada marii kana kan dhiheessan Dr. Siyyum Masifiin Mootummaa Federaalawaa Diimokiraatawaa Ripaabilikii Itiyoophiyaatti, Deetaa Ministeera, Ministeera Nageenyaa fi Walitti Qabaa Boordii Yuunivarsiitii Bulee Horaa akka dubbatanitti biyyi teenna Itoophiyaan waggoottan dhibba lamaa fi shantamman [250] darban keessatti hayyoonni jijjiiramoota biyyaa keessatti shoora olaanaa taphachaa dhufuu ibsaniiru.

Dr. Siyyum Masifiin ibsa waltajjii irratti hirmaattotaaf taasisan keessatti hayyoota jechuun beekkumsaa fi dhugaaf kan dhaabbatan ta’uun falaasama addunyaatiin walii galamuu ibsaniiru.
Dabalataanis marii kanarratti ibsa bal’aa kan kennan Obboo Taarraqenyi Bulultaa, Mootummaa Federaalawaa Diimokiraatwaa Ripaabilikii Itiyoophiyaatti, Deetaa Ministeera, Ministeera Industirii mootummaan biyooleessaa Itoophiyaa haalota yeroo ammaa biyya qoraa jirurraatti xiyyeeffatee biyya tarkaaffachiisuu keessatti hayyoonni qooda olaanaa qabu jedhan. Keessattuu jedhan obboo Taarraqenyi, yeroo biyyi teenna qormaata keessa jirtu kanatti, dhimmoota ijaarsa biyyaa gama siyaasaa, diinagdee fi nageenyaatiin jiran waliin furuu keessatti hayyoonni dirqama hayyuummaa isaanii bahachuu akka qaban dubbataniiru .

Yaadni ijoon marii kana irratti dhihaate, ciminaa fi hanqina ijaarsa biyyaa gama siyaasaa, barnootaa, misoomaa, tajaajila seeraa, walitti dhufeenya lammiilee fi hariiroo dippiloomaasii, qormaatotaa fi maddoota qormaataa adda baasuun hayyoota waliin irratti mari’achuu, qabsoo fuulduraa fi shoora hayyoonni rakkoolee biyya rakkisan kanneen akka malaammaltummaa, gabaa siyaasaa, dhaadhessummaa, fedhiiwwan dhuunfaa fi miidiyaaleen dhuunfaa rakkoolee tasgabbii biyyaa ta’an, karaa kamiin furuun akka danda’amu, hayyoonni gahee leencummaa bahachuu akka danda’an ibsameera. Mariin kun guyyoota afuriif kan itti fufu ta’uun ibsameera.
Jijjiirama Fulla’aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.