Get Mystery Box with random crypto!

Muddee 21/2015. Yuunivarsiitiin Bulee Horaa Barsiisaa Bu'aa Q | Bule Hora University

Muddee 21/2015.

Yuunivarsiitiin Bulee Horaa Barsiisaa Bu'aa Qorannoo Isaatiin Sadarkaa Biyyaatti Dorgomee Sadarkaa 2ffaa Baheef Beekkamtii Kenneef.
Yuunivarsiitii Bulee Horaatti, barsiisaa Kolleejjii Biiznasiifi Ikkoonoomiksii kan ta’e barsiisaa Gannaalee Kadir bu’aa qorannoo isaatiin sadarkaa biyyaatti dorgomee sadarkaa 2ffaa bahuun ifirra darbee sadarkaa biyyaatti Yuunivarsiiticha waan maqaa yaamsiseef, Yuunivarsiitiin Bulee Horaa beekkamtii kenneefii jira.
Barsiisaan kun qorannoo isaa mata-duree “AGRICULTURAL TECHNOLOGY ADOPTION AND ITS IMPACT ON YIELD AND FARM INCOME: EVIDENCE FROM HARICOT BEAN PRODUCTION IN GUJI ZONE” jedhurratti hojjachuun sadarkaa biyyaatti badhaafamaa sadarkaa 2ffaa ta’eera.
Barsiisaa Gannaalee Kadir gama isaatiin, badhaasni argadhe kun kaayyoo kiyya kan kana qofarratti na dhaabsisu adoo hin taane ittuu morkii keessa kan na seensisuudha jechuun, beekkamtii Yuunivarsiitiin isaa kenneefitti kan gammade ta’uu dubbateera.
Waraqaa beekkamtii kana kan kennan pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr. Taammiruu Aannolee, barsiisonni kaanis akkasuma jabaattanii hojii qorannoo boonsaa akkasii hojjechuu qabdu jedhaniiru.

Jijjiirama Fulla’aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.