Get Mystery Box with random crypto!

Muddee 20/2015. Yuunivarsiitii Bulee Horaatti, Kolleejjota Guy | Bule Hora University

Muddee 20/2015.
Yuunivarsiitii Bulee Horaatti, Kolleejjota Guyyaa Barnoota Semisteera 1ffaa Bara Barnootaa 2015 Qajeelfama Bahe Eeganii Jalqabuun (Day One Class One) (DOCO) Sirnaan Hujiirra Oolchaniif Beekkamtiin Kennameef.
Bara kana akkuma beekkamu Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota digirii 1ffaafi isaa barataniif guyyaa galmee sadaasa 5fi 6 bara 2015’tti gaggeessaa turuun barnoonni immoo sadaasa 7 bara 2015’tti kan jalqabe yennaa ta’u, akka Yuunivarsiitichaatti Kolleejjota qajeelfama bahe hujii irra oolchuun barataan golatti argamus argamuu baatus warreen qaljeelfamicha hordofanii sadaasa 7 bara 2015 adeemsa baruufi barsiisuu jalqabaniif beekkamtii hujiif isaan jajjabeessu kenneefii jira.
Yuunivarsiitii Bulee Horaatti, Bakka Bu’aa Itti Aanaa Pireezidaantii Dhimmoota Akkaadaamiifi gargaaraan Piroofeesaraa Gammadaa Oddoo wayita beekkamtii hujiif isaan jajjabeessu kolleejjotaaf kennan akka jedhanitti, kaayyoon beekkamtii kennuu guyyaa hardhaa kun kolleejjonni keenna tokko tokko qajeelfama bahe kana hujiirra oolchuun guyyaa barnoota semisteera 1ffaa bara barnootaa 2015 (Day One Class One) sirnaan hujiirra oolchan jajjabeessuuf beekkamtii kana kennuun barbaachiseef jedhaniiru.
Qaamoleen hujiifi huj-maata kolleejjichaa sirnaan hujii irra oolchuun beekkamtii argatan kunniin beekkamtiin isaaniif kenname kun ittuu kan isaan jajjabeessu ta’uu dubbataniiru.

Jijjiirama Fulla’aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.