'Namni akka yaadu gochuu yoo dadhabde, akkanni yaaduu danda'u | Danbiilee Jireenyakoo
"Namni akka yaadu gochuu yoo dadhabde, akkanni yaaduu danda'u barsiisuu ni dandeessa" @barruu_beektotaa
-------------------------
"Namni akka yaadu gochuu yoo dadhabde, akkanni yaaduu danda'u barsiisuu ni dandeessa" kan jedhu jechama Falaasota duriidha. Yeroo baay'ee namootni tokko tokko 'Yaaduu' jecha jedhu dhimma dhuunfaa isaanii qofa irratti xiyyeeffatanii waan godhanitti hiikkatu. Garuu, yaaduu jechuun ofii keenyaafis ta'u nama kamiifiyyuu ilaalcha sirrii fi dhugaa irratti hundaa'e qabaachuu waan jedhutti hiikama.
Namni akka yaadu gochuu yoo dadhabde, akkanni yaaduu danda'u barsiisuu ni dandeessa" namichi beekaan biyya Giriik durii #Sooqiraaxes jedhamu yeroo baay'ee bakka deemu hundumaatti Yaaduu waan jedhu namoota barsiisuu jaallata ture. Bakka Sooqiraates uummata barsiisutti namootni argamanii barumsa isaa dhaggeeffatan "Yaaduu yoo dadhabanillee, yaaduu akka danda'an baranii galu" jedhu barreessitootni seenaa.
Guyyaa tokko Sooqiraates magaalaa #Ateens keessa deemaa utuu jiruu, beektota magaalaa Ateens keessaa nama Ogeessa tokkotu galma magaalattii keessatti namoota walitti qabee jecha "Gootummaa" jedhu barsiisaa utuu jiruu dhaga'ee itti gore. Namoota gidduu taa'ees barsiisa beekaa sanaa dhaggeeffachuu itti fufe. Xiqqooma utuu hin turinis Sooqiraates sagalee isaa ol kaasee waca guddaa dhaan Ogeessicha gaaffii gaafatee
barsiisa isaa addaan kute.
#SOOQIRAATES = "Haasaa kee addaan kutuu kootiif dhiifama si gaafachaa, 'Gootummaa' gaafa jettu maal jechuu akka ta'e hiikasaa nutti himtaa?" ittiin jedhe.
#OGEESSICHA = "Gootummaa jechuun lola irratti diinni kee gaafa sitti dhihaachaa dhufu, atimmoo bakka tokko dhaabbattee eeguu jechuudha" jedhee deebiseef.
.
#SOOQIRAATES = "Bakka jirtu dhaabbattee gaafa eegdu, kaayyoon kee addaan citee yoo mo'amtehoo?" jedhee deebisee
gaafate.
#OGEESSICHA = "Kunis ta'uu danda'a garuu, kunimmoo Gootummaa biraa ta'a" ittiin jedhe.
#SOOQIRAAXES = Kanaafiyyuu, Gootummaan bakka jirtuu socho'uu dhiisuu fi bakka jirtuttis qabamuu dhiisuu erga ta'ee, kun akkamitti gootummaa jedhamaree?" jedhee gaafate.
Ogeessi fuula namaa dura dhaabatee barsiisaa jirus gaaffii kana gaafa gaafatamu rom'uu jalqabe. Naasuu guddaadhaan roqomaa Sooqiraatesiin akkas jedhe.
#OGEESSICHA = "Sooqiraaxes koo, na qorteem, nama duratti na qaanessiteem, anumtuu gaafan gaaffii kee kana deebisee yaadu, jecha Gootummaa jedhuu hiikasaa sirriitti akkan hin beeknen bare" ittiin jedhe.
#SOOQIRAATES = "Obboleessakoo, Anis hin beekuum, garuu gootummaan Sammuu keetti fayyadamtee yaaduudhaan waan gootu, jechuu irraa waan adda ta'u natti hin fakkaatu. Kana irraa adda ta'a taanaan garuu baay'ee na dinqa" ittiin jedhe. "Kan biraa, akka yaada kootti hiika sirrii ta'a jedhee kanin yaadu 'BALAA AKKAMII
KEESSA UTUU JIRTUU WAAN SIRRII TAHE QOFA GOCHUU YOO DANDEESSE KUN GOOTUMMAADHA!" ittiin jedhe.
Namoota Galmicha keessa taa'anii dhaggeeffachaa jiran keessaa namni tokkos sagalee isaa ol kaasee "Hiikni gootummaa inni sirriinis kanuma ta'a" gaafa jedhu, Sooqiraatesis gara namicha kana dubbateetti naanna'ee" kanaafiyyuu, gootummaa jechuun waan gochuu qabdu yaaddee gochuu jennee, faallaa gootummaa immoo sammuu ofii miiraan dirqisiisuun fuudhanii deemuu, hiika jedhu irratti yeroodhaaf yoo itti waliif galle hoo?" Jedhee namoota sana gaafate. Sooqiraates irraa fuula isaanii fi onnee isaanii ka'anii namootni isa dhaggeeffachaa turan hundumtuus jecha isaa irratti waliif galuu isaanii harka isaanii walitti reebanii gammachuudhaan ibsaniif. Ogeessi fuula dura dhaabatee barsiisaa tures jecha isaa irratti akka waliif gale baruuf jedhee, Sooqiraates naanna'ee gaafa ilaalu Ogeessichi bakka sana hin jiru.
@barruu_beektotaa