Danbiilee Jireenyakoo — የቴሌግራም ቻናል

የቴሌግራም ቻናል አርማ barruu_beektotaa — Danbiilee Jireenyakoo D
የቴሌግራም ቻናል አርማ barruu_beektotaa — Danbiilee Jireenyakoo
የሰርጥ አድራሻ: @barruu_beektotaa
ምድቦች: ሳይኮሎጂ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 55
የሰርጥ መግለጫ

🥀እዚህ ቻናል ላይ የሚለቀቁት እውነተኛ ስሜት እንጂ ተራ ቃላት አይደሉም። ፍቅር ደስታ ሳይሆን ሀዘንም ጭምር ነው። ይሄን ደሞ ሁሉም ሰው ያውቀዋል
Left ስትሉ ችግራችን @Gech_Ab

የቻናል ስታትስቲክስ
4786.1% የተሳትፎ መጠን
2,632 እይታዎች / ልጥፍ
0 ልጥፎች / ቀን

Ratings & Reviews

2.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

3

1 stars

0


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች

22 nov 2025
Rich Dad & Poor Dad
Robert T. Kiyosaki

  ENGLISH PDF


Barreessaan #RoobertKoyaasaakiidha.
Garaagarummaa #hojjetaafi #hojjechiisaa jidduu jiru isa sirrii lafa kaa'a. Sooressi maaliif akka soorome, hiyyeessi maaliif akka hiyyoome suura kaasee namaa ibsa. Maaliif akka galgalli barataa cimaa, yeroo baay'ee, harka barataa isa cimaa hintaaneetti akka kufuuf deebii quubsaa qaba. Itti dhiyaadhaa ilaalaa.

"Abbaa laman qaba!" jechuun eegala, barreessichi karaa kitaaba isaa kanaa (RICH DAD, POOR DAD). 'Ajaa'iba! Abbaa lama irraa dhalatuu?' jechaan dubbisuu itti fufe. Innis hin dhaabne, ittuma fufa. Abbaan isaa inni tokko sooressa, inni biraan immoo hiyyeessa akka ta'etti hima. Abbaan isaa inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaan isaa inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha. Lamaanuu hojii isaaniitti cimoofi milkaa'oo ta'uun immoo wal isaan fakkeessa. Garuu inni tokko rakkoo maallaqaan mudatama, inni biraan immoo nama sooressa beekamaa ganda isaaniiti. Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan maatii, mana waaqeffannaa isaafi gargaarsa biraaf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu dhiiseefii du'e. Inni kun, isa hiyyummaa dhala isaa dhaalchisee du'edha.

Akkuma sila jenne, lamaanuu jaboofi dhiibbaa uumtotadha. Lamaan isaanii ni gorsuunii; garuu waan wal fakkaataan isa hin gorsani. Namoonni kun lamaanuu haalaan barnootatti amanu. Garuu, kenninsa barnoota wal fakkaataa hin gorsaniin. Inni tokko, "Jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami!" yoo jedhu, inni biraan immoo, "Jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu!" jedhaani.

"Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!" Akkanaan abbaa lama qabaachuu isaaf waan itti dhagaahamu ibsata. Yaada faallaa qabaachuun abboota isaan lamaan kanaa akkuma itti fufetti. Fakkeenyaaf: Inni tokko, "Jaalalli qarshii hundee jal'inaati!" jedha; inni biraan immoo, "Dhabinsi qarshii madda jal'inaati!" jedha.

●Guutummaa kitaabichaa siniif dhiiseera. Akkuma jara olii kana, gaaffii hedduuf akka deebii argattan hin shakku. Yaadichi mata duree guddaafi dhaloonni irratti xiyyeeffachuu qabu ta'uu eddan hubadhee booda, siniif qooduun filadhe. Dubbisaa!
797 viewsGetu A. Oneta✟, 11:31
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
5 juuli 2024
"Namni akka yaadu gochuu yoo dadhabde, akkanni yaaduu danda'u barsiisuu ni dandeessa" @barruu_beektotaa
-------------------------
"Namni akka yaadu gochuu yoo dadhabde, akkanni yaaduu danda'u barsiisuu ni dandeessa" kan jedhu jechama Falaasota duriidha. Yeroo baay'ee namootni tokko tokko 'Yaaduu' jecha jedhu dhimma dhuunfaa isaanii qofa irratti xiyyeeffatanii waan godhanitti hiikkatu. Garuu, yaaduu jechuun ofii keenyaafis ta'u nama kamiifiyyuu ilaalcha sirrii fi dhugaa irratti hundaa'e qabaachuu waan jedhutti hiikama.

Namni akka yaadu gochuu yoo dadhabde, akkanni yaaduu danda'u barsiisuu ni dandeessa" namichi beekaan biyya Giriik durii #Sooqiraaxes jedhamu yeroo baay'ee bakka deemu hundumaatti Yaaduu waan jedhu namoota barsiisuu jaallata ture. Bakka Sooqiraates uummata barsiisutti namootni argamanii barumsa isaa dhaggeeffatan "Yaaduu yoo dadhabanillee, yaaduu akka danda'an baranii galu" jedhu barreessitootni seenaa.

Guyyaa tokko Sooqiraates magaalaa #Ateens keessa deemaa utuu jiruu, beektota magaalaa Ateens keessaa nama Ogeessa tokkotu galma magaalattii keessatti namoota walitti qabee jecha "Gootummaa" jedhu barsiisaa utuu jiruu dhaga'ee itti gore. Namoota gidduu taa'ees barsiisa beekaa sanaa dhaggeeffachuu itti fufe. Xiqqooma utuu hin turinis Sooqiraates sagalee isaa ol kaasee waca guddaa dhaan Ogeessicha gaaffii gaafatee
barsiisa isaa addaan kute.

#SOOQIRAATES = "Haasaa kee addaan kutuu kootiif dhiifama si gaafachaa, 'Gootummaa' gaafa jettu maal jechuu akka ta'e hiikasaa nutti himtaa?" ittiin jedhe.

#OGEESSICHA = "Gootummaa jechuun lola irratti diinni kee gaafa sitti dhihaachaa dhufu, atimmoo bakka tokko dhaabbattee eeguu jechuudha" jedhee deebiseef.
.
#SOOQIRAATES = "Bakka jirtu dhaabbattee gaafa eegdu, kaayyoon kee addaan citee yoo mo'amtehoo?" jedhee deebisee
gaafate.

#OGEESSICHA = "Kunis ta'uu danda'a garuu, kunimmoo Gootummaa biraa ta'a" ittiin jedhe.

#SOOQIRAAXES = Kanaafiyyuu, Gootummaan bakka jirtuu socho'uu dhiisuu fi bakka jirtuttis qabamuu dhiisuu erga ta'ee, kun akkamitti gootummaa jedhamaree?" jedhee gaafate.

Ogeessi fuula namaa dura dhaabatee barsiisaa jirus gaaffii kana gaafa gaafatamu rom'uu jalqabe. Naasuu guddaadhaan roqomaa Sooqiraatesiin akkas jedhe.

#OGEESSICHA = "Sooqiraaxes koo, na qorteem, nama duratti na qaanessiteem, anumtuu gaafan gaaffii kee kana deebisee yaadu, jecha Gootummaa jedhuu hiikasaa sirriitti akkan hin beeknen bare" ittiin jedhe.

#SOOQIRAATES = "Obboleessakoo, Anis hin beekuum, garuu gootummaan Sammuu keetti fayyadamtee yaaduudhaan waan gootu, jechuu irraa waan adda ta'u natti hin fakkaatu. Kana irraa adda ta'a taanaan garuu baay'ee na dinqa" ittiin jedhe. "Kan biraa, akka yaada kootti hiika sirrii ta'a jedhee kanin yaadu 'BALAA AKKAMII
KEESSA UTUU JIRTUU WAAN SIRRII TAHE QOFA GOCHUU YOO DANDEESSE KUN GOOTUMMAADHA!" ittiin jedhe.

Namoota Galmicha keessa taa'anii dhaggeeffachaa jiran keessaa namni tokkos sagalee isaa ol kaasee "Hiikni gootummaa inni sirriinis kanuma ta'a" gaafa jedhu, Sooqiraatesis gara namicha kana dubbateetti naanna'ee" kanaafiyyuu, gootummaa jechuun waan gochuu qabdu yaaddee gochuu jennee, faallaa gootummaa immoo sammuu ofii miiraan dirqisiisuun fuudhanii deemuu, hiika jedhu irratti yeroodhaaf yoo itti waliif galle hoo?" Jedhee namoota sana gaafate. Sooqiraates irraa fuula isaanii fi onnee isaanii ka'anii namootni isa dhaggeeffachaa turan hundumtuus jecha isaa irratti waliif galuu isaanii harka isaanii walitti reebanii gammachuudhaan ibsaniif. Ogeessi fuula dura dhaabatee barsiisaa tures jecha isaa irratti akka waliif gale baruuf jedhee, Sooqiraates naanna'ee gaafa ilaalu Ogeessichi bakka sana hin jiru.

@barruu_beektotaa
4.0K viewsGetu A. Oneta✟, 11:31
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
25 juuni 2024
KANA BEEKTAA LAATA?

■ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti.

■ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee?

■ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture.

■ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu. 

⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu!
⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu!
⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu! 
⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu!

⁃ Isaan wallaalota, 
⁃ Isaan jibbitoota, 
⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha. 
⁃ Isaan koree jibbiinsaati, 
⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha. 

➾ Ati immoo abbaa kaayyooti, 
➾ Ati immoo abbaa mul'ataati. 
➾ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha.

● Maalif isaan dhaggeeffattaree? 
● Maalif jechi isaanii kaayyoo keetti shakkii uumuree? 
● Maalif miirri kophummaa sitti dhagahamaree? 
● Maaf miira jibbamuu keessummeessiftaree? 
● Maalif kolfa gowwummaa isaaniitti aartee of miitaree? 
● Maalif ofitti banbanuun karoora isaanii milkeessitaafiree?

Isaan hin dhaga'in! Daandii sirrii irra waan jirtuuf itti fufi! Baay'ina jibbitoota kee hin lakkaa'in! Gochaa gowwootaatti hin aariin! Fuuldura isaaniitti fuula kee hin gurraachessin! Atiif isaan dachee tokko irra jiraattu malee addunyaa tokko keessa hin jirtan.

➾ Jabaadhu korma koo!
Ani nama akka keen jaaladha!

@barruu_beektotaa
3.1K viewsGetu Abera✟, 01:58
ክፈት / አስተያየት ይስጡ

ተደጋግመው የሚነሱ ጥያቄዎች

ስለ Danbiilee Jireenyakoo በተደጋጋሚ የሚነሱ ጥያቄዎች

Danbiilee Jireenyakoo 55 ተመዝጋቢዎች ያሉት የቴሌግራም ቻናል ነው። በዚህ ገጽ ላይ የቅርብ ጊዜ ልጥፎችን ማንበብ፣ ግምገማዎችን ማየት እና ዝርዝር ስታትስቲክስን መመልከት ይችላሉ።
በዚህ ገጽ ላይ "ወደ ቻናል ይሂዱ" የሚለውን ቁልፍ ይጫኑ ወይም @barruu_beektotaa ን በቴሌግራም መተግበሪያ ውስጥ ይፈልጉ። እንዲሁም የቻናሉን የተጠቃሚ ስም ገልብጠው በቴሌግራም መፈለጊያ ውስጥ መለጠፍ ይችላሉ።
አዎ፣ Danbiilee Jireenyakoo ነፃ የቴሌግራም ቻናል ነው። ሁሉንም ልጥፎች ያለምንም ክፍያ መከታተል እና ማንበብ ይችላሉ።
Danbiilee Jireenyakoo ይዘቱን በዋናነት በአማርኛ ቋንቋ ያትማል። የቅርብ ጊዜ መልዕክቶችን በዚህ ገጽ ላይ አስቀድመው ማየት ይችላሉ።
አዎ፣ ተመሳሳይ የሳይኮሎጂ ቻናሎችን ከታች "ተመሳሳይ ቻናሎች" በሚለው ክፍል ውስጥ ማግኘት ይችላሉ። ተዛማጅ የቴሌግራም ቡድኖችን፣ ቦቶችን እና ተለጣፊዎችንም እናሳያለን።
ለመቀላቀል ከመወሰንዎ በፊት በዚህ ገጽ ላይ የተጠቃሚ ግምገማዎችን እና ደረጃዎችን፣ እንዲሁም የቅርብ ጊዜ ልጥፎችን እና የተመዝጋቢዎችን እንቅስቃሴ ማረጋገጥ ይችላሉ።
አዎ፣ ቻናሉን በቴሌግራም ላይ ሳይመዘገቡ የDanbiilee Jireenyakoo የቅርብ ጊዜ መልዕክቶችን እዚሁ Telegram Store ላይ አስቀድመው ማየት ይችላሉ።
Danbiilee Jireenyako... avatar
Danbiilee Jireenyako... @barruu_beektotaa
በቴሌግራም ይክፈቱ