2021-06-25 10:11:43
Farfannaa 73÷11-28
WAAQAYYOON QABAACHUUN WAAN HUNDUMAA IRRA CAALUU ISAA BIRA GA'UU
11 Isaan immoo, "Waaqayyo attamitti beekuu danda'a ree? Isa hundumaa gararraa biras waa beekuun jiraa ree?" in jedhu. 12 Ilaa! Jal'oonni warra akkasii ti, yeroo hundumaa of irraa bu'anii in jiraatu, jabaachaas in adeemu.
13 Yoos immoo ani ofumaan garaa koo qulqullinatti eeggachuuf dhama'ee ree? Yakka akkan hin qabne argisiisuufis ofumaan harka koo dhiqadhee ree? 14 Guyyaa guyyaatti dha'ichi anatti bu'eera, ganama ganamas adabamuun na eeggata ture.
15 Utuun, "Akkuma isaanii nan dubbadha" jedheera ta'ee, dhaloota ijoolleen kee keessa jiran biratti amanamuu dhabee, isaanis akka garagaggalan nan godhan ture.
16 Yeroo ani kana hubachuuf jedhee itti yaade immoo, rakkisaa ta'ee anatti argame. 17 Hamma ani mana qulqullummaa Waaqayyootti galee, jarri sun gara dhumaatti maal akka ta'an hubachuu bira ga'etti, na rakkise.
18 Dhuguma iyyuu ati lafa mucucaatu irra isaan in dhaabachiifta, kukkufanii akka caccabanis in goota. 19 Attamitti battalatti badiisi sodaachisaan isaan irra ga'e, attamittis dhidhimanii naasuu guddaadhaan xaph jedhan!
20 Akka wanti abjuudhaan argan yeroo dammaqan dhabamu, akkasumas yaa gooftaa, ati yommuu kaatu, bifa isaanii akka waan hin jirreetti in ilaalta. 21 Yommuu jireenyi anatti hadhaa'e, yeroo onnee na tumates,
22 ani nama gowwaa, nama waa hubachuu hin dandeenye ta'ee, si duratti akkuma horii marga dheeduun ture. 23 Haa ta'u iyyuu malee, ani yeroo hundumaa si biratti nan hafa, atis harka koo mirgaa in qabda;
24 ati gorsa keetiin ana in geggeessita, kana booddees ulfinatti ana in fudhatta. 25 Waaqa irratti si malee eenyuun nan qabaadha ree? Lafa irrattis si malee maalan eeggadha ree?
26 Foon koo, keessi namummaa koos yoo gad dhuman iyyuu, Waaqayyo garaa koo in jajjabeessa, bara baraanis qooda anaaf in ta'a. 27 Kunoo, warri si irraa fagaatan in balleeffamu, warra amanamuu dhiisanii kan biraatti goranis ati in fixxa.
28 Waa'ee koof yoo ta'e garuu, Waaqayyotti dhi'aachuun anaaf gaarii dha; yaa Waaqayyo gooftaa, hojii kee hundumaa himuudhaaf, ani da'oo si godhadheera.
GAMADA YAA WARRA WAAQAYYOOF ADDA BAATANII
1.7K viewsHope, 07:11