Get Mystery Box with random crypto!

namni salaata tahaajjudaa masjiidatti salaatuu hin danda'iin m | Ahmedin Jebel - አሕመዲን ጀበል

namni salaata tahaajjudaa masjiidatti salaatuu hin danda'iin manatti salaatuu ni dandeettan

yeroon salaata ishaa'irraa eegalee hanga azaana fajritti jiru hunduu yeroo salaata laylii waan ta'eefi namni hunduu haga dandeetti isaa raka'aa lama lamaan hanga barbaade salaatu ni danda'a.

namni hifzii qabu hifziin kan hinqabne immoo qur'aana banatee salaatuu ni danda'a.

ijoolleen umriin isaanii waggaa 8 ool taate Qur'aanaa fi ulaagaalee salaataa yoo beekan imaama ta'anii salaachisuu ni danda'u.

haala dhaabbata saffii ilaalchisee imaamni duratti lakkofsii dhiiraa lamaa fi lamaa ool yoo ta'an imaama duuba ma'amuumni tokko qofa yoo ta'e cinaa mirga imaamaatiin dhaabbata dubartiin immoo saffii dhiiraa duubaan dhaabbatani.

dubartiin imaamaafi warra wajjiin salaatuuf haadha, obboleetti.. yoo taatelle dhiira wajjiin walqixa dhaabatuu hin dandeettu. Kophaa isiituu osoo taate saffii duubaa oofdanda'eerratti dhaabbachu qabdi.

dhiira tokko fi dubra takka ta'anii yoo kawajjiin salaatan ta'eeyyu imaamni duratti isiin immoo duubaan dhaabattee salaatti.

dobartoota qofa ta'anii yeroo salaatanitti kan salaachistuu qixxee dhaabbatti garu akka dhiiraa duratti hin baatuu.

dubartiin takka yeroo kophaa salaattuus ta'e yeroo imaama taatee salaachiistuu salaata halakanirratti sagalee ool fuutee qara'uu hin dandeetti.

nama danda'uuf Qur'aana, sujuudaa fi rukuu'a dheereessuun raka'aa 11 salaatuun caalaa yoo ta'u namni kana godhuu hin dandeenne raka'a 2/2 godhuun haga danda'u salaatee witrii dhaan cufuu ni danda'a.