Get Mystery Box with random crypto!

Laylatul qadri warra salaatuufi warra masjiida keessa jiru qof | Ahmedin Jebel - አሕመዲን ጀበል

Laylatul qadri warra salaatuufi warra masjiida keessa jiru qofaafii miti

Warra xurii laguu irra jiruu fi warra dhiiga dahuumsaa irra jiran, imaltoota... faayidaan halkan kanaa isin hindarbin. Zikrii fi ibaadaawwan garagaraatin jajjabaachuu qabdan. Halkan san keessatti du'aa'ii baayyisuu hindagatinaa laylatal qadri warra salaatuu fi warra masjiida keessa jiran qofaafii miti.

Namni baayyeen masjiida yoo hindeemin faayidaa(kheyrii) kana waan argatu itti hinfakkaatu. Kun dogongora! Wanni guddaan nurraa eegamu ibaadaarra jiraachuu keenya. Nama dandeettii qabuuf garuu suunnaa Nabiiyyii keenya jaalatamaa(saw) hordofuuf masjiida osoo jiraannee nijaalatama. Yoo hindandeenne bakkuma jirrutti kan hojiirra jiru bakka hojiitti kan mana jiruu manuma keessatti ibaadaarratti jajjabaachuu qaba.

Rabbi laylatul qadriin nu haa qunnamsiisu!