Get Mystery Box with random crypto!

Hardha yeroo lulluuqqattan Haalli akkam ture? Jedhamee osoo ga | Ahmedin Jebel - አሕመዲን ጀበል

Hardha yeroo lulluuqqattan Haalli akkam ture? Jedhamee osoo gaafatame deebiin nama hedduu "baay'ee gaarii ture" nyaata jattamoo dhugaati baskuta, saanbuusaa, habhabii... akka ajaa'ibaati kan jadhu ta'a. kana hundaa waliin geenneti gara salaata Ishaa'iifi taraawihaa kan deemnu . Garuu obboleewwan teenya hoo? Ollaawwan keenya hoo? Akkam akka jiran yaannee beeknaa?!

"haadha tiyya namoonni suhuura nyaachaa jiran, nuti garuu hin lulluqqanne" jechaa daa'imni haadha isaa rakkisuu baay'ee dha. "Abbaa koo nuti garuu yoomuma kafooniin lulluqqannu" jechaa abbaa ciinqu baay'ee dha. Suhuura waan nyaatan dhabanii garaa qullaan ka sooman jiru. Kanaafu ji'a kabajamaa kanaan namoonii kunniin yaadatamuu hinqabanii?

Ji'a kabajamaa kanaan miskiinoota haa yaadannu , ollaa haa gaafannu, hiyyeessa haa qarqaarru, waan lulluuqqatuun ka hinqabne hedduutu jira waan ta'eef haa lulluuqqachiisnu. ofii keenyaa kennuu dadhabnullee namoota kennaniin wal haa qunnamsiisnu kana hunda gochuu yoo hin danda'inillee jabaadhaa haa jennuuni.