Get Mystery Box with random crypto!

NAAF KAKACHIISAA! Tarii jaalalakootu Qabaatemoo xurii Ishiitu | Walaloon Jaalala

NAAF KAKACHIISAA!
Tarii jaalalakootu
Qabaatemoo xurii
Ishiitu jijjiirrate
Ilaalcha ishii durii?

Osoo anaan oodduu
Gabaatti haasofti
Waayee jiraachuukoo
Yoo yaaddu ni qaanofti

Ollaatti wacuudhaaf
Tasa yeroo hin dhabdu
Anatti hasaasuuf garuu
Sakoondii tokko hin qabdu

Ani osoon hin qabne
Badiin ishii hale
Waanuman jibbamuuf
Garuu nan wallaale

Badii ishiin agartee
Ittiin na jibbitu
Mee naaf gaafadhaa
Sinitti haa himtuu

Jedhaa naaf gaafadhaa
“Maali badiin isaa?”
Yoon badii qabaadhe
Jiraachuufaan dhiisa!
Waanta ishiin jettemmoo
Naaf kakachiisaa!

#Bilisummaa_Shibbiruu
Join @BarruuWalaabu