Get Mystery Box with random crypto!

#Anaaf_Atii_Waliif....... Gaafa gaddaaf gammachuu Yoo hirmaat | Walaloon Jaalala

#Anaaf_Atii_Waliif.......

Gaafa gaddaaf gammachuu
Yoo hirmaatte Na faana
Aniif Atii Yoomiyyu
Waliif gaachana taana

Gaafani madaa baadhee
Qofaa koo kulkulffadhu
Akkan miidhamee jiruu
Natti hiiqii naaf hubadhuu

Malee natti hin murteessin
Murtoo Halaaf halaalaa
Waaqni bifa oso hin taane
Yaada garaa ke ilalaa

Arrabaan nattii kuulaa
Dudduubaan Na hamatte
Balbalan seenuu malee
Ofii hin seenin banatte

Yeroo na bira jirtuu
Harka keen na hammatte
Yoo narra hiiqxe garuu
Hin cabsiin na hamattee

Yoo ofii nyaachuu deemtuu
Mana laazanyaaf keekii
Akkan daadii gubbaarra
Beela'a jirus beekii

Summii waliif bituurra
Yoo waliif taanee dawaa
Arraba qofaa mitii
Hojiinis taanee cawwaa

Maqaa koo gurguruudhaaf
Yoo fuutee deemte gabaa
Anuma qofaa hin se'iin
Situu na waliin cabaa

#Garuu
Naaf Atii waliif luka
Wal faana waliif tolla
Dhiibbaas ta'e dhiibamuu
Wal faana waliif lollaa

Ati erga nama taatee
Namatuu namaaf fala
Waliin keesaa darbina
Malee hin darbinu wal jala

#Fikiru_Abdena
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala