Get Mystery Box with random crypto!

Erga ati na dhiiftee deemtee Aarii ariinuu hin aarreen Keessi | Walaloon Jaalala

Erga ati na dhiiftee deemtee
Aarii ariinuu hin aarreen
Keessi koo gubatee
Gar malee akkan aaruu

Uffata sirrii uffadhee
Isan fayyaa fakkaadhuu
Eenyuutu naaf hubatee
Dhaba keef akkan daaruu

Taa'ee taa'ee itti yaadee
Gadda gadduu naaf gadduun
Kophaa koo akkan gadduu

Eenyumatu si gorsee
Osoo natti hin himiin
Cal jettee akka badduu

Garuu kan naan gallee...

Yeroo wal wajjin jirruu
Hamaadhaaf gaarummaa koo
Eessaaf bakka an oolee
Hunduu waa'ee koo sitti himaa
Afaansaa damma dibee

Erga narraa adda baatee
Bakkaaf iddoo oolmaa koo
Waan ani keessa jiruu
Akka durii dhufee
Kan sitti himu maaf dhibee

Amaanu'eel Waaqturaa
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala