Get Mystery Box with random crypto!

'Hafuurakee yoo qaammatan, kan karkarsaaf wal saammatan, Hoorm | Walaloon Jaalala

"Hafuurakee yoo qaammatan,
kan karkarsaaf wal saammatan,
Hoormooniinkoo haa burqani,
mormakootti naaf hargani!

Yoon lolaasu dafqa miiraa,
nan ilaalin akka suuraa,
Natti seeqi dunuunfadhuu,
dhikkisakoo naaf dhuunfadhu!

Afaan qabdoof dhadhaa baqsu,
farda fedhii haa dammaqsu.
Naan haa gulufu nadhiinkee,
na kiphuu'n nuffin hidhiinkee..."

Gaafan jedhu natti seeqnaan,
na si'eessuuf achi hiiqnaan,
Of kennuushee, miirri bare, ittuu ho'e,
dhungannaasheef, huuruu qareen, itti lo'e!
... Yoona kana...
Adda dhahee, na dammaqse, rogni siree,
kanan ta'e, sin hankaaksin, yaa dinsire!

Aga Guda