Get Mystery Box with random crypto!

Ati akka jecha koon oli Naaf jiraadhu naaf toli Waa'ee kee od | Walaloon Jaalala

Ati akka jecha koon oli
Naaf jiraadhu naaf toli

Waa'ee kee odeessus
Waa danuu bobeessus

Si faarsuf kan an labu
Si ibsuuf humna hin qabu

Danuun jechoota
Mirreen gochootaa

Wal tahanii wal hidhanii
Caalbaasin wal bitanii

Caraananus ,weelluu baraa
Jechi afaan namaa ,ana nan gahu garaa

Si ibsuuf..........

Waa hedduun jedhamus
Qarqabni jechootaa Gaalanis fe'amus

Afaan baasee yoo lallabe
Raajii hojii uumaa .........
si ibsuuf humna dhabe

An kan jedhu.............
Bakka jirtutti nagaa tahi
Naaf jiraadhu bara bahi

Sin argin gidiraan dachee irraa
Aduun baraa sin dhaanin dirra

Si hin dhibin jireenyi
Sin argatin hammeenyi

@Abdii_Nagahoo
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala