Get Mystery Box with random crypto!

Na Filadhu! Siifan bita shaashii adii Kittaa dheeraa qaqqajee | Walaloon Jaalala

Na Filadhu!

Siifan bita shaashii adii
Kittaa dheeraa qaqqajeelaa
Qal'inakee mudhii gadii
Guddaaf xinnaatu kajeela

Filtuu rifeensa mataakee
Isa dugda gubbaa ciisu
Biteen dhufa waan fedhakee
Nan waakkatin an sin dhiisu

Siifan guuta waan manakee
Meeshaan kamuu hin hir'atu
Na barsiisi amalakee
Natti himadhu waan sir'atu

Gola onneekoo seentee baatee
Hamileekoo narraa hin saamin
Akka abjuu natti taatee
Na dagatte orma hin waamin

Jireenyakee kamirrattuu
Morkataakoof fucha hin laadhu
Muummichakee abbaa warraa
Hayyuu duree na filadhu.

@abdimegersa

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa