Get Mystery Box with random crypto!

ዛሬ ከተጠያቂነት ማምለጥ ብትችል እንኳን በአላህ ዘንድ ግን ፈጽሞ አታመልጥም! Harra itti g | BOON TECH

ዛሬ ከተጠያቂነት ማምለጥ ብትችል እንኳን በአላህ ዘንድ ግን ፈጽሞ አታመልጥም!
Harra itti gaafatama jalaa bahu dandessuu illee Rabbin biratti abadann hin baatu!
❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁❁
Biyya keenya bakka maratti ajeechaa ummata nagaa irra gahu irra deddeebinee yeroo hedduu dhagahuu keenya irraa kan ka’ee du’a namaa akka laafaatti ilaalu nubarsiisan. Nama lubbbun jiru ibiddatti darbuti kaasee haga daboon tumanni ajeesuu ,ummataa nagaa wallitti qabani rasaasaan ajeesu irraa kaasee ummata masjidaatti baqatee jiru itti seenani fixuu,dirree irratti fannisuu irraa haga dirree irratti rashanu,daboon bahani ajeesu irraa haga mana irra deemanai ajjesu, hidhattootaan ajeesuu irra haga waraanaan walfixu fi nama nagaa ajjeesu du’a gosa mara nutti mullesan.

Oduun du’a nama rifachisuun,waliin dhaabbanee balaalefachisun fi waliin furmaata barbaadun hafee baayyinni warra ajeefamee meeqa akka ta’e ilaaluu irratti xiyyefachu fi warri ajjefamee gosa eenyuti kan jedhu ilaalani iyyutti gadi nu buusaan.

Guyya kaleessaa dabalatee torbee kana qofa illee wallagaa irraa haga gaambeelllaa dabalatee, naanno amaara godina oromo wallootti namoota nagaa konkolaataa irraa buusaani rasaasan yee ajjeesan vidiyoo irratti ilaalee dabalatee garaa jabina gosa heeddu agarre. Masjida keessatti warra ajeefameefi warra magaalaa keessatti rashanaman dhageenyee. Ahh! Waliin dhaabbannee ajeechaan fi waraanni hadhaabbatu jechu akkamitti dadhabnee?

Seena biyya keenyaa keessatti maqaa siyaasaatin kan nama ajjesan, nama fixan,kan rashanan,kan madeessan,kan qeyee iraa buqqisan marti isa golga godhatani kan yakka kana ittiin dalagan lafti, bulchinsi,taayitaa, siyaasa jaraafi jarris seenaa ta’ani qabri jaraa keessatti tortorani fi lafeen jaraa ciccitee murtee rabbiitif guyyaa qiyaamaa eeggataa jiru.

Ati amma dirree adunya irratti yeroo jirtu seenaa ta’uu keetin dura dhaaba siyaasaa kamu,saba barbaadee, yookan garee barbaade irraa ta’ee ta’ee jettee nama nagaa kan ajeeftee,kan ajeesisftee, ajeechaadhaaf golga kan kennitee akka warra seena ta’an Sanaa of dhimichi “dhimma siyaasaati” jechun of amansiiftee yakka guddaa kan ta’ee ajeecha lubbaa namaa xiqqeessitee ilaaltee ta’aa.Kana gootees,deegartees, gargaartees maqaa siyaasaatin itti gafatama jalaa nibaata ta’a. Hata’u malee guyyaa qiyaamaa qobaa kee fuula Rabbi gaaffif nidhaabbata!

Yeroo sana dhaaba kiyya,saba kiyya,gosa kiyya kan kana fakkaatan eenyunu hata’an itti gaafatama Rabbi jalaa sihinbaasanu! Dhumni kee lubbuun nama tokko lubboo ummata adunyaatti lakawamee qilee jahanamaatti darbamuu ta’a!

Rabbin keenya kan ol ta’ee akkana nun jedha: -
أَنَّهُۥ مَن قَتَلَ نَفْسًۢا بِغَيْرِ نَفْسٍ أَوْ فَسَادٍۢ فِى ٱلْأَرْضِ فَكَأَنَّمَا قَتَلَ ٱلنَّاسَ جَمِيعًۭا وَمَنْ أَحْيَاهَا فَكَأَنَّمَآ أَحْيَا ٱلنَّاسَ جَمِيعًۭا ۚ
“Sababa kanaanis ilmaan Israa‟eel irratti 'Namni tokko lubbuu lubbuu hin balleessin ykn dachee irratti badii hin babaldhisiin yoo balleesse ( ajjeese) sanyii ilma namaa guutuu akka balleessetti lakkaawwama. Kan lubbuu takka jiraachise ilmaan namaa [hunda] akka jiraachisetti lakkaawama‟ jechuun tumne...” (Al-Maa‟idaah: 32)

በመላ ሀገሪቱ የንጹኻንን ሞት ደጋግመን ከመስማታችንና ከማየታችን የተነሳ ሞትን አለማመዱን።ከነሕይወት በእሳት ከመማገድ፣ደብድቦ እስከ መግደል፣ንጹሃንን አሰልፎ ከመረሸን በመስጊድ ዉስጥ የተጠሉሉትን እስከ መፍጀት፣ በአደባባይ ከመስቀል በደቦ አሳዶ እስከ መግደል፣ በእርስ በእርስ ጦርነት እስከ የታጣቂዎች ጥቃት ሞትን በየአይነቱ ሰማን።የሞት ዜና ማስደንገጡ፣ በጋራ ማውገዝና መፍትሄ መፈለግ ቀርቶ የሟቾችን ቁጥር እና የማን ወገን እንደሆኑ እያዩ ወደ መጮህ አወረዱን።

ዛሬን ጨምሮ በዚህ ሳምንት እንኳን ከወለጋ እስከ ጋምቤላ ፣በአማራ ክልል የኦሮሞ ብሄረሰብ ዞን ላይ ከመኪና አውርደው ሰላማዊ ሰዎችን ሲረሽኑ እስካየነው ቪዲዮ ስንቱን የጭካኔ ግድያ ተመለከትን።በመስጊድ ዉስጥ ስለተገደሉት እና በከተማ ዉስጥ ስለተረሸኑት ሰማን።አኸኸ! በጋራ ቆን ግድያና ጦርነት ይብቃ ማለት እንዴት አቃተን?

በታሪካችን በፖለቲካ ስም የገደሉ፣ የጨፈጨፉ፣ የረሸኑ፣ ያቆሰሉና ያፈናቀሉት ሁሉ ይህን ወንጀል በርሱ ሽፋን የሰሩበት መሬት፣ግዛት፣ስልጣን፣ፖለቲካቸውም እነርሱም ታሪክ ሆነው በመቃብራቸው ዉስጥ አጽማቸው ጭምር በስብሶ ለፍርድ ትንሳኤን ይጠብቃሉ።

አንተም ዛሬ በምድረ ዓለም ሳለህ ታሪክ ከመሆንህ በፊት የየትኛውም ፓርቲ፣ብሄር ወይም ወገን ሁን ሆነ ብለህ ሰላማዊና ንጹሐንን የገደልክ፣ ያስገደልክ፣ ለግድያው ሽፋን የሰጠህ ሁሉ ጉዳዩን «ፖለቲካ ነው» ብለህ እንደነዚያ ታሪክ እንደሆኑት ራስህን አሳምነህ የነፍስ ግድያን ያክል ከባድ ወንጀል ቀላል አድርገህ አይተኸው ይሆናል። ይህን አድርገህ ፣ደግፈህና ሽፋን ሰጥተህ በፖለቲካ ስም ከተጠያቂነት ታመልጥ ይሆናል። ሆኖም ያለ ጥርጥር በእለተ ትንሳኤ ለጥያቄ ብቻህን አላህ ፊት ትቆማለህ።