Sin eega.... Waadaa kankeen qaba Irbuu kankee cabsu Dhugaa ke | Walaloo Jaalalaa™

Sin eega....

Waadaa kankeen qaba
Irbuu kankee cabsu
Dhugaa kee awwaalee
Haqa kankee dabsu

Gufuu takaalladhee
Kufeeyyuu yoon cabe
Iddoo beellamaa kee
Dhufees yoon si dhabe

Haalotaan dhiibamte
Mana kootiin baatu
Isan siif olkaa'ee
Ormi dhufee nyaatu

Tarkaanfii dadhabee
Takaallamus miilli koo
Afaan koo callisus
ni dubbata miirri koo

Gubaa mar'ummaan koo
Waraansa laphee jalaa
Maal taate hin jedhin!
Dhibeen koo siif gala


Arrabni koo hidhamee
Jechas yoo waakkate
ni dubbata miirri koo
Inni deemsaaf rakkate

Hidhiin koo hidhamee
Dubbiis yoo lagate
Garaan koo si Yaada
Yoomiin si dagate?


Haqa kee dabsinaan
Mana kootu deegaa
Sirraa abdiin kutu
Boriyyuu sin eega...

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
Walaloo Jaalalaa™

Walaloo Jaalalaa™

@walaloo_jaalalaa24
14.88K ተመዝጋቢዎች
ስነ-ጽሁፍ ምድብ
Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa . https://adsly.me/@walaloo_jaalalaa24. Buy ads: https://te...