Ogeettii Jaalalaa Suphituu caba laphee Irksituu mogolee koo J | Walaloo Jaalalaa™
Ogeettii Jaalalaa
Suphituu caba laphee
Irksituu mogolee koo
Jireenya koo borii
Dhaabbiif dagalee koo
Aabjuu koo bara dheeraa
Mul'ata bor milkaa'uu
Dhoksaa gola onnee
Isan boriif olkaa'uu
Hidda dhukaaf lafee
Ribuuf maashaa danuu
Balbala gola onnee koo
An siif malee banu
Situ dur cufee deeme
Akka saaqamnetti takkaa
Anis achuman jira kunoo
Hin geeddarreem bakka
Onneen koos siin madaa'ee
Madaasaatu achii kulkulaa
Halkanis na raffisuu didee
Suuraa kee hammadheen bula
Godaannisni koo bara danuu
Miidhamni koo onneef kalee
Hin fayyuum madaan koo
Barruu harka keetiin malee
@Share
@walaloo_jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24