Sin jaaladha jettee Afaaniin na ultee Dhuftee na sossobdee | Walaloo Jaalalaa™
Sin jaaladha jettee
Afaaniin na ultee
Dhuftee na sossobdee
Siree koorra bultee
Ani dhugaan se'ee
Jaalala fakkeessaa
Silaa ol sin galchuu
Gola kiyya keessaa
Ati garuu kuultee
Soba kee aarsitee
Sin dhiisu, sin gatu
Jettee na faarsitee
Afaaniin na sobaa
Fedhii kees bahattee
Iddoo garaa keetii
Hundumaa gahattee
Akka gootus gootee
Anaan na haleeltee
Har'a eessa buute
Eessatti qajeeltee
Humni kiyyas dhumtee
Keessi kiyyas heeltee
Diqaalaa dhala kee
Fuutee natti huddeeltee
Har'a eessa jirta
Dhala kee dagattee
Karaatti na baaftee
Maalumaaf na gattee
Sumaan iyyaafatti
Si yaaddee dhalli kee
Baatee maaliif hafte
Maaf hafe galli kee
Akka durii mitii
Manaatii baaneerraa
Dhala kee wajjiiniin
Kadhattuu taaneerraa
Karaarratti baanee
Teenyee hidhii boollaa
Maaloo nutti goraa
Namaan jechaa oollaa
Suuqatti ol gallee
Muka jala huuxa
Kan qabu nuuf kenna
Gariin hidhii xuuxa
Waa'ee hojii keetii
Maal himnu maal jennu
Rabbi hojii kan kee
Dachaan siif haa kennu!
Jiruu koo sakaaltee
Galgala keef wayyoo
Hojii kee lakkaa'ee
Siif kenna waaqayyoo
@Walaloo_Jaalalaa24