WALALOO JAALALA Lubbuu koo sin jaalla Siin jedhee tiruu koo | Walaloo Jaalalaa™

Picture 1 from Walaloo Jaalalaa™ 2025-07-22 21:23:01
WALALOO JAALALA

Lubbuu koo sin jaalla
Siin jedhee tiruu koo
Feetu siifan du'aa
Sif dhisee jiruu koo

Si fayyada taanaan
Lubbuu koon siif laadha
Jaalala kee uruurseen
Mataa kootti baadha
Miira kiyya maraan
Ittin waa dubbisi
Onnee koo banadhuu
Keessatti shubbisi

Qaamni koo kan keetii
Ittin dhimma ba'ii
Fayyaa kankoo fudhuu
Akka feete ta'ii

Harki kiyya keetii
Ittiin waa hojjedhu
Milli koo, koo miti
Fudhuu ittin ejjedhu

Fudhu qaama koo hunda
Hin eegin mallattoo seeraa
Mallattoof falmii malee
An of siif laadheeraa

Of siif kennee ka'ee
Sin gaafadhu lamuu
Homtuu nan fudhatu sirraa
Jabaaf beekaan kamuu

Homtuu na sin gaafatu
Tokko sin seenin mamiin
Ani dhuunfaa keetii
Ragaadha decheef samiin

Eenyummaan kiyya keetii
Qulqulluun hin faalamne
Situ na horatee
Kan lamuu hin dhaalamne
Ani of siif laadheera dhugaa
Kan booda hin haalamne
Ana ana ha urgaa'uu
Hafuurri ati baafattu
Deebiin kee ana ha ta'uu

Gaaffiin ati gaafattu
Lafa nan kaayin tasa
Na dhiistee manatti
Homaas na cinaa hin kaa'in
Hin qixxeessin anatti
Ani keeti siin jedheeraa
Na hin ilaalin akka ormaatti
Lafa na keessee hin imalin
Na fannifadhu mormatti

Erga na dhuunfattee
Eenyuunuu nan caalchisin
Duutu na fudhuu du'i
Homaa nan dhaalchisin!

@Walaloo_Jaalalaa24
 
Walaloo Jaalalaa™

Walaloo Jaalalaa™

@walaloo_jaalalaa24
14.88K ተመዝጋቢዎች
ስነ-ጽሁፍ ምድብ
Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa . https://adsly.me/@walaloo_jaalalaa24. Buy ads: https://te...