Bareedduu koo Hundaan toltuu Tokkittii koo Jaallatamtuu! Naas | Walaloo jaalalaa

Bareedduu koo
Hundaan toltuu
Tokkittii koo
Jaallatamtuu!

Naasolee koo
toltuu maraa
jaalattuu koo
mootii namaa!

Marartuu koo
gar laafettii hundaaf naatu
Obsituu koo,
ka dandeettee hundaa baattu!

Jajjabeessituu koo
miyeessituu jiruu
addunyaa kanarra
fakkaattin ke in jiru!

@Walaloo_jaalal
Walaloo jaalalaa

Walaloo jaalalaa

@walaloo_jaalal
6.13K ተመዝጋቢዎች
ስነ ጥበብ ምድብ
Jaqlalli waan hunda caala