Walaloo jaalalaa — Telegrami kanal

የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloo_jaalal — Walaloo jaalalaa W
የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloo_jaalal — Walaloo jaalalaa
የሰርጥ አድራሻ: @walaloo_jaalal
Mitteaktiivne
ምድቦች: ስነ ጥበብ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 6.13K
የሰርጥ መግለጫ

Jaqlalli waan hunda caala

Kanali statistika
91.9% Kaasatuse määr
5,633 Vaatamisi / postitus
0 Postitusi / päev

Ratings & Reviews

1.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

2


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች

22 aug 2024
Bareedduu koo
Hundaan toltuu
Tokkittii koo
Jaallatamtuu!

Naasolee koo
toltuu maraa
jaalattuu koo
mootii namaa!

Marartuu koo
gar laafettii hundaaf naatu
Obsituu koo,
ka dandeettee hundaa baattu!

Jajjabeessituu koo
miyeessituu jiruu
addunyaa kanarra
fakkaattin ke in jiru!

@Walaloo_jaalal
3.3K views08:08
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
20 juuni 2024
Eda Abjuu kiyyaan Hacaaluu waliin Wal Agarree Gaaffiif Deebii keenya

Gaaffii Hacee.....
Akkami yaa mule
Ilma warra lixaa
Gaaffiin si gaafadha
Naaf himimee qixaan
Akkami Oromoon
Dhugaa koo argatee?
Moo Abdii kutatee
Sabnis na dagate?
Mee Akkam ta'anii
Qaqqaaliin Kichuu koo
Wabii kootiif Giiftiin
Akkami milkiin koo?
Akkamimee maaloo
Haatumti isaan deesse?
Tokkitti Faantuun hoo
Gadda koo dandeessee?

Deebii koo.....
Hacee koo Garraamii
Xiiqeeffattuu dhiiraa
Akkamimee maaloo
Jireenyi Akiraa
Erga ati duutee
Deemteetii nu biraa
Dhugaankee dhokotee
Sabni kee gidira
Waggaa Afur guutuu
Haqni kee dhokkotee
Imimmaansaa roobsa
Sabni yoom boqotee
Weelluu kee dhaga'uun
Jirraaf maalan jiraa
Oromoon hardhallee
Dhiiga bo'aa jira.

Ijjoolleen kee kichuu
Oladeemtuun kankee
Wabiidhaa fi milkiin
Bareedduu Giftiin kee
Siif guddachaa jiru
Qaata of barani
Haceen meerre jechuun
Gaafatu jedhani

Hiriyaa ijjoollummaa
Haati kichuu keetii
Gaddi ishee cabsullee
Xiiqii keessa jirti
Maqaan kee inni qaalii
Akka badee hin hafne
Tattaafachaa jirti
Tasa galtee hin rafne.
Hubattuu taatu illee
Jabduu Akka keetii
Gaddi kee cabseera
Kunoo hanga hardhaa
Gurraacha uffatti.

Araddaan finfinnee
Qe'een tufaa munaa
Erga siin si nyaattee
Waggaa Afur baranaa
Qalbii nu cabsitee
Hardhas gadda teenya
Tasa hin sifoofneef
Dhiigni qaalii keenyaa.

Kanaaf yaa Hacee koo
Adaraa na dhiisi
Lubbuun kee haa jannatu
Bakka nagaa Ciisii
Hamma biiftuun dhugaa
Saba keef baatutti
Hamma dhiigni jige
Haqaaf falmatutti
Obsa nuuf haa kennu
Hacee koo Nagaatti


@Walaloo_jaalal
7.5K views19:43
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
16 apr 2024
Anis nan boqodha!

Akkam jirta jedhee
Nagaa sigaafachuuf
Anoo akkan qabuu
Hojiin koo siyaaduu
Si arguuf araaduu
qofa akka ta'e
hunduu quba qabu

Ati garuu beektaa
Rakkoo kee isa kalee
Hubatteettaa laata
Sijaallee maraachuuf
Qarqara gahuukoo
Mee maaloo maal jettaa

Guyyuma jalqabaa
Gaafan si arge san
Keessi koo dhibamee
Midhaan bishaan miti
Haasaa namaattiyyuu
Qaatan nagaa dhaame

Yeroon karaa deemu
Namnin ani argu
Hunduu si fakkaata
Yeroon gara manaa galus
Girgiddaa mana koo
Bifuma kee baata

Yoon achi ilaalu
Yoon asis ilaalu
Suuruma keen arkaa
Yoon hirriba rafus
Na dursitee kortee
Hirriba na dhorkaa

Boqonnaa dhoowwitee
Lapheekoo rarraastee
Maal argattaa egaa
Maali yoo garaa laaffatte
Miidhamuun koo kunii
Maal bu'aa sii qabaa
Maalii yoo na dhiifte

Sinjaaladhuu anii
Sin barbaadu jettee
Yoo garaa na kutte

Maaf natti taphatta
Maaf na maraachita
Kun cubbuu guddaadhaa
Dawaa dhukkuba koof
Falasaa barbaadi
Anis nan boqodhaa!
~~
6.1K views16:56
ክፈት / አስተያየት ይስጡ

Korduma kippuvad küsimused

Levinumad küsimused Walaloo jaalalaa kohta

Walaloo jaalalaa on Telegrami kanal, millel on 6.13K tellijat. Sellel lehel saate lugeda viimaseid postitusi, vaadata arvustusi ja üksikasjalikku statistikat.
Klõpsake sellel lehel nuppu „Mine kanalile" või otsige @walaloo_jaalal Telegrami rakenduses. Samuti saate kanali kasutajanime kopeerida ja Telegrami otsinguribale kleepida.
Jah, Walaloo jaalalaa on tasuta Telegrami kanal. Saate tellida ja lugeda kõiki postitusi tasuta.
Kanalil Walaloo jaalalaa on praegu 6.13K tellijat. Tellijate arvu uuendatakse regulaarselt.
Walaloo jaalalaa avaldab sisu peamiselt አማርኛ keeles. Saate viimaseid sõnumeid sellel lehel eelvaadata.
Jah, sarnaseid ስነ ጥበብ kanaleid leiate allpool jaotisest „Sarnased kanalid". Näitame ka seotud Telegrami gruppe, botte ja kleebiseid.
Saate sellel lehel kontrollida kasutajate arvustusi ja hinnanguid. Kanali hinnang on 1.7 5-st, mis põhineb 3 arvustusel.
Jah, saate Walaloo jaalalaa viimaseid sõnumeid eelvaadata siin Telegram Store'is ilma kanalit Telegramis tellimata.
Walaloo jaalalaa avatar
Walaloo jaalalaa @walaloo_jaalal
Ava Telegramis