2022-09-01 14:38:44
Agarsiisaa fi Baazaariin Waldaalee Hojii Gamtaa qophaa'uufi.
Prime Media (Finfinnee)_Eejansiin Babal'ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa agarsiisaa fi baazaarii Magaalaa Finfinneetti qopheessuufi.
Baazaariifi Agarsiisni kun torbee tokkoof kan turu akka ta'e ibsa har'a kennameen himameera.
Ibsicha kan kennan Hoggantuun Eejansii Babal'ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa
Eejansichi qaala'iinsa gabaa furuuf oomishtootaa fi fayyadamtoota jidduutti walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf yaadamee akka ta'e himan.
Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun qaala'iinsi gabaa akka hin uumamneef Magaalaa Finfinnee iddoo 4 irratti yuuniyennoonni fi waldaaleen hojii gamtaa oomisha isaanii gatii madaalawaan hawaasaaf nidhiyeessus jedhan.
Baazaariin kun mataduree "gabaan waldaalee hojii gamtaa ilaalama haaraan!" jedhuun torban tokkoof Naannoo Adda babayii Puushkiin ,Boolee 24,Jamoo fi Giddugala Aadaa Oromootti Hagayyaa 27 bara 2014 kan banamu ta'uu ibsaniiru.
Biikii Sabbooqaatu Gabaase
89 views11:38