Get Mystery Box with random crypto!

Waldaan Saayinsii Hawaa Itoophiyaa(ESSS) sagantaa leenjii hawa | Ethiopian Space Science Society

Waldaan Saayinsii Hawaa Itoophiyaa(ESSS) sagantaa leenjii hawaa ganna har'a Yunivarsitii Jimmaatti eegale.

Sagantaa kana keessatti leenjistoonni waajjira muummee Waldaa Saayinsii Hawaa Itoophiyaa irraa, hoggantoonni Waldaa Saayinsii Hawaa Itoophiyaa damee Jimmaa(ESSSJB); Bakka bu’oonni Pireezidaantii Itti Aanaa Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsiitii Jimmaa, akkasumas miseensonni hawaasa Yuunivarsiitichaa biron argamaniiru.

Leenjifamtoonni kunneen barattoota Manneen Barnootaa kan akka JUSSS, JUCS, Manneen Barnoota sad.2ffaa magaalaa Jimmaa kanneen biroo fi Manneen Barnoota sad.2ffaa Aanoolee Godina Jimmaa irraa hirmaatanidha. Leenjiin Saayinsii hawaa kan ganna kun Hagayyaa 23 hanga 27/2014 E.C tti kan turu yoo ta'uu, leenjii qabatamaa mata duree Astironoomii bu’uuraa, teeknooloojii saatalaayitii fi injinariingii aerospace kan kennamudha.

Sagantaa leenjii shan(5) ESSS'n ganna kana gaggeessu keessaa leenjiin kun leenjii isa dhumaa fi cufiinsaati.

#ESSS #SST #Jimma