2023-01-01 15:19:18
Gorsa hawaasa keeysatti nu fayyadu muraasa:
1. Nama tokkotti walitti fufiinsaan yeroo lamaa ol hin bilbilin. Bilbila kee yoo hin kaafne, takkaa hojiirra jira. Hin garre taha. Ykn ammoo siin dubbachuu hin feene taha! Yeroo ati bilbiltu san yoo bira hin jiraanne, yeroo bilbila bira dhufe ni arka. Nama bakka siif qabu yoo tahe deebisee siif bilbila!
2. Maallaqa namarraa liqeeyfatte osoo namni siif liqeeyse sin gaafatin, osoo inni hin yaadatin deebisiif. Amanamummaa fi amala gaarii qabaachuu kee agarsiisa!
3. Yeroo namni tokko mana nyaataatti laaqana/irbaata si afeere,nyaata gatii qaalii menu irra jiru hin ajajin. Waan madaalawaa ykn waan dadarree ajajadhu!
4. Gaaffii namatti hin tolle nama hin gaafatin. 'Ammallee hojii hin arkannee? ammallee hin fuunee/ heerumne?' Hanga ammaa joollee hin qabduu?' 'Maaliif mana hin bitanne?' ykn maaliif konkolaataa hin bitattu jettee nama hin gaafatin! Hamilee namaa eegi malee hin cabsin! Kana rabbiitu fedhe malee isa ykn ati miti!
5. Hiriyaa kee waliin taaksii yoo seentan, yoo inni/isheen amma kaffale/te, yeroo itti aanu ammoo ati kaffaluuf yaali;
6. Yaada namootaa kabajiif! Akka kiyya qofaatu taha hin jedhin. kallattii kee qofaan ilaaltee waa hin murteessin. wanti 6 sitti fakkaatu nama fuula kee dura jirutti 9 fakkaatti!
7. Namoota haasawaa jiran gonkumaa haasawa isaanii addaan hin kutin. Fixachisiisi. Akka isaan waan keessa isaanii dubbataniif hayyamiif.
8. Yoo nama tokkotti qoostee inni immoo qoosaa kee hin jaalatin, yoo qoosaa keetti waan gammadu hin fakkaatu ta’e, qoosaa kee dhiisi! itti hin fufin!
9. Yeroo namni si gargaare “galatoomi” jedhiin. Galata namaaf galchuun kabaja siif dabala.
10. Namakee tokko, nama fuulduratti faarsiitii bakka kophaatti qeeqi!
11. Namni tokko bilbila isaa banee suuraa wahii tokko yeroo sitti agarsiise, suuraa inni si garsiise san qofa laalii itti dhiisi malee bitaa fi mirga achi bantee (swipe) kan itti aanu laalin. Waan itti aanu hin beektu. Namnis keessatti hin gammadu (Anilleen akkasuma). Akkasumas yeroo namni tokko bilbila isaa keessa ilaalu, as jettee waliin hin laalin. Tarii iccitii haasawaa jira tahaatii!
12. Yeroo namni tokko kallattiin sitti dubbatu, atiis fuulasaa keessa ilaalaa itti dubbadhu malee bilbila keessa ijaan laalaa itti hin dubbatin! Kun tuffii fakkaata!
13. Waanuma kamuu hanga gaafatamtutti hin deebisin. Yoo gaafatamte malees gorsa namaaf hin kennin;
14. Hiyyeessa bira teeysee waa'ee qabeenya keetii gonkuma hin dubbatin. Namoota rabbiin ijoollee hin kenniniif bira teeysee waa'ee ijoollee keetii hin dubbatin!
15. Ergaa/ dhaamsa gaarii kana erga dubbifte booda, hiriyoota fb keetiif qooduu (share) godhi. (Aniis galataan sirraa barbaada. Mee galatoomi naan je'eetii na gammachiisi)
Barreessaa:Nasruu kuush
435 views12:19