2023-01-14 21:07:54
Seeroota warqee tahan fi business keenya milkeessan Kudhan (10)
1. Muldhata qabaachuu
Rakkoon hawaasaa furuuf kutannee kaanee maaliidha kan jedhuu beekuu qabna. Dhimmii ijoon jireenya keenya keessatti milkeessuu barbaadnu beekuu fi waan isa waliin deemuu hojjachuu qabna.
2. Namoota biroo irraa barachuu
Hojiitti osoo hin seeniin namoota daldala wal fakkaatu sana keessa jiran dubbisuu barbaachisa. Dogogoraa fi milkaa'ina isaanii irraa barachuu qabna.
Kanaaf ammoo
#Networki uumuu
#Mentor godhachuu
#Waliin hojjachuu fi
#Wal hojjachisuu barachuu barbaachisa.
Business keenya nu qofa akka qabnutti ilaaluu hin qabnu namoonnii biroos akka qabanifi filannoo keessatti kufu akka dandeenyuu beekuu qabna. Kanaaf wantoota namoota kaan kufisani fi nus kufisuu danda'an beekuu qabna.
3. Ofittii amantummaa keenya guddisuu.
Waan hojjannuu mirra guutuun itti amanee deemuu qabna.
4. Kutannoo fi ejjannoon hojjachuu Rakkoo daldalaa keessatti nu qunnaman furuu fi furtuu qabaachuu qabna.
Business ni dhalata; ni guddata fi ni du'a. Kanaaf adeemsa kana hunda keessatti akkaataa keessa darbu qabnu beekuu fi kutannoo ciimaan keessa darbu barbaachisa. Kanaaf ammoo ejjannoo ciimaa qabaachuu qabna.
5. Karooraan hogganamu qaba.
Karooraan hogganamuuf muldhata keenya bakka xixxiqqootti caccabsuun action plan qabaachuu ykn qopheessuu qabna.
Karoora business qofa osoo hin taanee kan dhunfaas qabaachuu qabna.
Karoorii keenya caccabee hanga guyyaatti gadii bu'uu qaba. Kan waggaa irraa kan ji'aa, torbee fi guyyaa baafachuu qabna.
Karoora guyyaa keenya yammuu qopheessinu tooftaa lamaan kana fayyadamuu dandeenya.
1.Yoo danda'amee karoora borii hardha qopheessuu ykn
2. Hojiiwwan yaadne ganamaan qopheessuu barbaachisa. Isa bu'urra taasifnee hojii keenya guyyaa guyyaan hojjachaa deemna.
Faayidaa karooraa keessaa isaan muraasni
*Focused ykn maal irratti xiyyeeffachuu akka qabnu beekna.
*Of gamaagamuuf fayyada: karoora yoo qabaanee waan guyyaa sana hojjachuuf karoorfanee keessaa galgala kam raawwanee fi hin raawwanee salphaatti beekuu dandeenya.
6. Bu'aa guddaa fiduu irratti xiyyeeffadhuu:
Bu'aa xixxiqqoon of sobuu hin qabnu. Irra caalaatti hojjachuu fi carraa jirutti fayyadamuufi waan haaraa uumaa deemuu barbaachisa. Bu'aa keenya galma safaramuun kaa'uu fi SMART tahu qaba. Kana yoo jennu garuu yeroo tokkotti bu'aa daladalaa guddaa argachuu jechuu miti. Bizinaasii keessatti guddinii qaxxaamuraa kufaatiin isaa hamaataa waan taheef of egannoo barbaada.
7. Iddoo fi yeroo sirrii tahe filachuu qabda.
Yaada business keenya qabanee gara gabaa osoo hin seeniin dura feedhii fi dhiyeesiin tajaajila yookiin oomisha keenya irra jiru maal fakkata kan jedhuu qorachuu barbaachisa.
Fak. Amantii, aadaa, umrii, waqtii naannoo ani jiru keessatti gabaan maal barbaada? Kan jedhuu xinxaluu barbaachisa. Dhiyeessii fi feedhiin maal fakkaata kan jedhuus ilaaluu barbaachisa.
Fak. Feedhii bilbilaa touch keessatti bottom bu'aa qabeessa hin tahu. Namni tokko mana daaboo banee jenne nutis mana daaboo banu hin qabnu.
Covid 19 waan haaraa fidee dhufee ture; Akkasumas daladala hedduu kasaarseera. Nutis hojii hojjannuu keessatti yeroo fi iddoo sirrii filachuu qabna.
8. Adeemsa wal fakkaataa/ consistent/ qabaachuu qabna.
Tajaajila fi oomisha wal fakkaataa yeroo hunda kennu qabna. Maamila hedduu kan namni keenya dhabuu haala wal fakkaatuun deemuu dhabuu isaattiin. Fak. Kaaffeen haaraa banamee ji'a sadii ykn afur booda haalii keessumeessaa, dhiyeessii nyaataa, qulqulluni nyaataa gadii bu'aa deema. Kun ammoo maamilli akka hirdhatuu taasisa. Kanaaf mirruma jalqabneen osoo hin nufiin deemuu qabna.
92 viewsedited 18:07