Get Mystery Box with random crypto!

JECHOOTA GAMNAA ✪

የቴሌግራም ቻናል አርማ jechoota_gamnaa — JECHOOTA GAMNAA ✪ J
የቴሌግራም ቻናል አርማ jechoota_gamnaa — JECHOOTA GAMNAA ✪
የሰርጥ አድራሻ: @jechoota_gamnaa
ምድቦች: ትምህርት
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 10.65K
የሰርጥ መግለጫ

Channel kenyaa #join godhaa Jechoota psychology ykn Xinsammuu fayyadan irraa argachuu dandeessaa.
☞︎︎︎ Xinsammuu(psychology )
☞︎︎︎Jechoota Hayyoota
☞︎︎︎Gorsa BEEKTOTAA fi Gorsa JIREENYA
Yaada yoo qabattee : @maalmallisa21

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 5

2022-05-17 20:02:51 Eenyummaa-keetiif, Bakka Guddaa kenni!

Namichi Edinberg jiraatu, kan kophee hodhu tokko guyyaa hundumaa yeroo hirribaa ka'u akkana jedhee kadhata. "Yaa waaqayyo ofii-kootiif akkan iddoo guddaa kennuuf na gargaari!" Jedha ture.

Eeyyee! Namni kam iyyuu milkaa'inaaf gammachuu gonfachuu yoo barbaade, jalqaba irratti eenyummaasaatiif bakka guddaa kennuu qaba. Kana gochuuf tarkaanfiin jalqabaa sammuu ofii keessatti of ajaa'ibsiifachuudha. Kana booda ofitti amantaa horachuu nama dandeessisa.

Namni maqaan isaa Wadirow Wiilsen jedhamu, barreessaa beekumsa walii-galaa kan ta'e dhimma eenyummaa ofii fudhachuu ilaalchisee hima miidhagaadhaan yommuu ibsee akkas jedhe, "Eenyu iyyuu hirkataa miti; sababni isaa qofaa fiiguu danda'a" jedheera.

Kanaafuu, eenyummaa ofii-tiif bakka guddaa qabaachuun barbaachisaadha, furmaata filannoo biraa hin qabneedhas!


@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.4K viewsSIIF Hin GALLEE, 17:02
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-05-12 19:58:42 NAMA TA'UU!!!!

Namicha imaltuu tokkotu gaaftokko gatii geejjibaa qusachuuf murteeffate. Innis dooniyaa keessa seenuudhaan akka meeshaatti fe'amuu barbaade. Kanaaf mucaa isaatiin "Ani akka meeshattin dooniyaa kana keessa seenee ciisa, atimmoo meeshaadha jedhitii irra keessatti na feesisi."jedheni. Mucaan isaas gorsa abbaa isaa fudhatee akka jedhan godhani. Gatiin geejjiba nama tokkoo qarshii 10 ture. Mucaan isaas kan isaa erga kanfalatee booda " Meeshaa dooniyaa keessa jiru kana immoo meeqaan naaf feeta?" Jedheen." Gatii baasuufi buusuu waliin qarshii 30 " jedheen gagaaraan konkolachisaa.
Mucaan waan godhuufi waan jedhu waan dhabeef xiqqoo callisee "Lakki naaf hin ta'u" jedhe . Konkolachisaan muddamsa irra waan jiruuf osoo isaan waaliif hin dhiisee deeme. Imaltichis erga konkolaataan deeme dooniyaa keessaa bahe"Ilmakoo meeshaa ta'u u irra nama ta'uu wayya"jedhen jedhama.

Eeyeen meeshaa ta'uu irra nama ta'uu wayya!!
Eeyee nama ta'anii dhalatanni meeshaa ta'anii jiraachuun:Dhaloota gatii hin malle kaffalchiisa;egeree dhalootaaf gufuu ta'a.
Atis murteeffadhu gaтιι naмarraa вarвaadaмυ ĸanғalanιι( вaaѕaanιι) ѕodaaғ мeeѕнaa тa'υυ ιrra gaтιι naмarraa вarвaadaмυ ĸanғalanιι(вaaѕaanιι) naмa тa'υυ wayya.
Atiis gatii sirra barbaadamu baasii nama ta'iin dhamsa kooti.

Eeyyeen Nama ta'i!!



@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
706 viewsSIIF Hin GALLEE, 16:58
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-05-11 19:52:03 ...Wanti uumaan nu badhaase hunduu qaalii akka ta’emmoo kan ittiin beeknu meeshaa uumamaa ‘qalbii’ jedhamuuni. Qalbiin Meeshaa gati-jabeessa ijaan hin mul’anneefi hin qaqqabamnedha. Namni hunduu qalbii guutuu waliin dhalata. Qalbii jechuun burqaa yaada garaa iddoo jireenya beekkumsaati. Qalbiin meeshaa safartuu eenyummaan namootaa itti safaramudha. Qalbiin teessoo, ogummaa jireenyaa, bilchinaafi teessoo beekkumsa guddaati.
Miyaafi gatii qalbii warra ogummaa jireenyaatti kuulametu beeka. Namni dandeettii isaatin qalbii kalaqee sammuu namaa keessa kaa’uu hin danda’u; Qalbii namaa bitee fudhachuu danda’a malee. Kanaaf ta’a bara kanatti, kan qalbiin namaa gurguramaa ooluf.
Egaa gabaa guddaan bara kanaa gabaa qalbiiti. Nutis akka Michel De Montaige jedhe…“Namoonni ogeessota jedhaman gowwoota irraa yoo hin baranne, ofii isaanitiyyuu gowwoota” san taanee maalummaa qalbiitu wallaallee dhaloonni baayyeen nu harkaa bahaa jira. Qalbii waan qabnu nutti fakkaatee qalbii dhabaa jirra.....
Kitaaba #DIJAATI JEDHUU kan GIRMAA BASHAADAA barreessee keessa

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.1K viewsSIIF Hin GALLEE, 16:52
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-05-10 21:30:55 waggoota hedduuf jireenya kee ijaaruuf kan itti dhamaate halkan tokkotti diigamuu danda'a. ta'ullee jireenya kee ijaaruu irraa of duuba hin deebi'in.
1.4K viewsSIIF Hin GALLEE, 18:30
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-05-09 23:03:17 HUNDI YEROO ISATTI TAHA !!

Al tokko tokko yeroo kan yaadde yaaltee siif milkaa'uu didu ni rakkatta,ni cinqamta,
ni yaaddofta,wanti hundi si harkaa bitaacha'ee eega har'allee naaf hin dabrin(darbin) yoomillee naaf hin dabartu(darbu) jettee abdii kutatta.Yaalii keetiis ni dhaabda.
Mee firii muka asii gadii kana ilaali:muka tokko irra,damee tokko irraa fi qaccee tokko irratti rarraafamanii osoo jiran yeroo garaagaraatti bilchaatu.kana jechuun firiin inni hin bilchaatin sun osoo hin bilchaatin hafa jechuu osoo hin taane yeroo isaa eeggatee bilchaata jechuudha.Keetis kanuma.Yeroo isaatu hin gahin malee siif darbuun hin oolu.kanaaf abdii hin kutaatin yaalii keetis hin dhaabin.

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.6K viewsSIIF Hin GALLEE, 20:03
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-05-09 01:49:54 MAALIIF DU'U?

Hospitaala tokkotti dhukkubsattoonni siree tokkorratti dhukkubsatanii ciisan guyyaa jimaataa yeroo hunda du'u turan. Namni dhukkubsatee siree sanarra ciise hundi ni du'a ture. Taateen kun hooggantoota hospitaalichaa, ogeesota fayyaa, hojjattota, hawaasa naannichaatti yaaddoo cimaa uumuu eegale. Akkuma barame dhukkubsataan tokko siricharra ciisee wal'aansa fudhachaa ture, inni waa'ee siree kanaa, waa'ee namoonni bakka kanarra ciisan du'uu waan beeku hin qabu. Guyyaan jimaata ammas ga'ee sa'aatii lakkaa'achaa jira. Ofii namni maalif du'u? Du'a sana duuba namatu jiraa? Rabbii? Moo seexana? Gaaffii nama hundaati. Sa'aatiin ga'aa jira.Duuti dhufaa jira, du'a siree filatu. Ogeesonni, namoonni naannoo sanatti dhiyaatanii waan dhufu eegaa jiru. Gariin isaanii macaafa qulqulluu qomatti qabatanii, kaansaanii Du'aa'ii godhaa waan ta'amu ilaalaa jiru. Akkuma sa'aatiin sagal ta'een qulqulleesituun haaraan meeshaa ittiin kuticha qulqulleesitu qabattee oofaa dhufte. Daftee qulqulleesitee gara hojiishee idileetti deebi'uuf jarjarti. Akkuma ol seenteen gara siree sodaachistuu sanaa deemte. Namoonni fooddaarra dhaabbatanii waan dhufu ilaalaa jiru. Akkuma siricha bira geesseen sookkeettii ibsaa maashinii hargansuu sana irraa buqqistee kan meeshaa qulqullinnaashee itti kaa'attee hojishee itti fufte. Dhukkubsataan gargaarsa maashinii malee harganuu hin dandeenye suni hafuuraa cite. Harganuu dadhabe. Isaa du'uuf jedhu ogeesonni fayyaa haalicha ilaalaa turan fiiganii maashinicha bakkatti deebisan. Edaa dhukkubsattoota siree sana irra jiran ajjeesaa kan turte qulqulleesituu kanaadha. Ajjeesuf jettee miti, wallaalummaa irraa kan ka'eedha. "Maalif du'an? " gaaffii jettuif deebiin argame. Waaqa miti, seexanas miti. Nama ture. Nama wallaalaa, akka ajjeesaa jiru kan hin beekne. Qulqulleesituu kutichaa. Wallaalan nama ajjeesa! Kan akka wallaalummaa dhala namaa ajjeese hin jiru. Namni gatii namaa hin beeknetu nama ajjeesa!

Irraa barattu jedheen kan dubbiserraa isiniif qoode


Kitaaba 'Gatiin namaa meeqa? Jedhu Eebbisaa baay'isaa nama biyya Oromootin barreeffame keessaa!

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
2.0K viewsLen Koo, 22:49
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-05-07 01:04:23 Karaan ittiin gammachuu argatan tokkicha.Innis muddamaa fi sodaa human keenyaa olitti nutti dhufan jalaa miliquudha.
-Monten

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
2.2K viewsSIIF Hin GALLEE, 22:04
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-05-02 21:04:39 Wanta Hojjennu Hundumaaf Itti Gaafatamummaa Fudhachuun Amala Nama Ogummaa Qabuuti.

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
834 viewsSIIF Hin GALLEE, 18:04
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-27 23:31:07 Kennaan Nama Hundaa Adduma Addaan Uumamaan Waan Nuuf Laatametu Nu Waliin Guddatee Hojiidhaan Muldhata. Hundi Immoo Kennaa Isaa Kana Itti Hin Fayyadamu. Inni Biraan Immoo Kennaa Isaa Kana Daran Bilcheessuf Iyyuu Hedduu Tattaafata.

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
249 viewsSIIF Hin GALLEE, 20:31
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-27 00:30:23 Ogeessi Yaadaa Waan Hunda Hubata. Osoo Ati Hin Dubbatin Adeemsaaf Ilaalcha Kee Ilaalee Si Madaala, Si Beeka. Ogeessi Hubatee Raawwachuuf Malee Ilaalee Dubbachuuf Hin Ariifatu.

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
257 viewsSIIF Hin GALLEE, 21:30
ክፈት / አስተያየት ይስጡ