Walaloo Jaalalaa Imaanan jaalala kee Dhagaarra ulfaataa Kan | Burqaa Walaloo

Picture 1 from Burqaa Walaloo 2025-08-05 21:14:34
Walaloo Jaalalaa

Imaanan jaalala kee
Dhagaarra ulfaataa
Kanaaf qaamni koo baate
Onneetu si jaalataa.

Iddoo guddaa qabdaa
Onnee tiyyaa keessaa
Kanaaf si filadhee
Bakka yaaden na geessaa.

Anis Abdii keen jiraadhee
Of keessatti si ilaalaa
Dhugaa baga si qabaadhe
naaf situu hunda caalaa.

Dhibee koo kaleessaa
Ogummaa keetin yaalte
akkan darbee jiraadhuuf
irkoos naaf taate

sin jaaladha dhugaa
Jaalala gatii jabaa
Walakkaa onnee ko keessaa
Sihi kan bakka guddaa qabu

waada  keen baadheen
Deemee bakkaan gahaa
Jireenya koo fuulduraaf
Situu wabii naaf tahaa.

onnee guutun siif kennee
hunda qaama kootii
Situ harkaa qabaa
Furtuu onnee kootii

gaaddisni koo suma
ittisaa Robafii  Aduu
Hanga ati naaf jirtuu
anuu yaada hin qabuu

fageenyi nan daangessus
hoggayyuu sin yaadaa
Of biraa si dhabnaan
Jaalala keen Aadaa.

qaaman fagaadhullee
Yaanni koo si biraa
Walakkaa onnee koo
situu fudhatee jira

nama akka keetii
Eessattuu hin argadhuu
Dhugaan si jaaladhaa takkiitii koo naaf jiraadhu

https://t.me/dharraajaalalaa
Burqaa Walaloo

Burqaa Walaloo

@jaalala_dhugaa_love
2.79K ተመዝጋቢዎች
ብሎጎች ምድብ
Lubbuyyee