2023-07-06 11:51:32
Bara 2015 ji’oota 11 keessatti birrii biiliyoona 1.59 walitti qabamuu Biiroon Galiiwwan Naannoo Hararii beeksiseera.
********
Koreen Dhaabbii Mana Maree Naannoo Hararii Gabaasa Raawwii Karoora Bara 2015 Biiroo Galiiwwan Naannichaa gamaaggame.
Koreen Dhaabbii Mana Maree Naannoo Hararii Gabaasa Raawwii Karoora Bara 2015 Biiroo Galiiwwan Naannichaa gamaaggame.
Hogganaan Biiroo Galiiwwan Naannichaa Obbo Baqqalaa Tamasgeen gabaasa raawwii hojii kana koree dhaabbiitiif kan dhiyeessan yoo ta’u, ji’oota 11 darban keessatti galii gibiraa fi mana qopheessaa irraa walumaa galatti Birrii biiliyoona 1.59 walitti qabuu danda’uu isaanii ibsaniiru.
Raawwiin kun kan karoorfame caalaa ta’uu ibsuun, bara darbe bara 2014 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu birrii miiliyoona 600 ol caalma akka qabu ibsaniiru.
Milkaa’inni kun kan argame hojii cimaa qindoominaa fi duula qooda fudhattoota adda addaa waliin taasifameen ta’uu ibsaniiru.
Hojimaatni haaraan gargaarsa teeknooloojiin deeggarame jiraachuu fi madda galii dabalataa maddisiisuun akka hojjatame gabaasa kana keessatti ibsameera.
Dura taa’oonni fi miseensonni koreewwan dhaabbii mana maree naannichaa gabaasa kana dhaggeeffatan gaaffilee fi yaada adda addaa kaasaniiru.
Haaluma kanaan maallaqni galii karoora caalaa baay’ee ol’aanaa tahe walitti qabuu danda’e akka gaariitti akka mul’atu gaafateera.
Gama galii sassaabuutiin naannoo baadiyyaas qorachuun barbaachisaadha, magaalaa irraa kan hafe, maammila waliin haala sirrii fi gahumsa qabuun, akkasumas hojiiwwan fooyya’iinsaan hojjetaman waliin hojjechuuf xiyyeeffannoodhaan hojjechuun barbaachisaadha kanneen jedhuufi yaadonni gama hojimaata dhimmoota kanneeniin gaafatamaniiru.
Kaappitaalli gibira gurgurtaa gamoo cimsuuf maaltu hojjetamaa akka jiru koreen dhaabbii kaase.
Ogeeyyiin fi itti gaafatamaan Biirichaa gaaffilee mana keessaa ka’aniif deebii fi ibsa kan kennan yoo ta’u, itti gaafatamtamichi deebii gaaffilee ka’aniif kennaniin karoora isaanii qorannoon walqabate bu’uura godhachuun akka qopheesseefi gara karoorichaatiin, dandeettii naannichaatiin galii hangamii sassaabamuu akka danda’u adda baasuun akka qophaa’e ta’uu ibsameera.
Keessumaa lafa qonnaa fi oomisha qonnaa baadiyyaa irraa gibirri akka sassaabamu eeruun, gibira abbummaa lafaa waliin walqabatu sassaabuu irratti rakkoon akka jiruufi kanaaf gibira sirnaan kaffaluu irratti qormaanni akka jiru ibsaniiru.
Gama hojimaata badaa fi kiraasassaabdummaa ittisuutiin hojjettoonni mana hojicha keessatti hojimaata badaadhaaf saaxilaman lama hojiirraa ari’amuufi namoota biroo itti gaafatamummaa irraa kaasuu dabalatee tarkaanfiiwwan biroo fudhatamaniiru.
Itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru Koree Dhaabbii Mana Marichaaf ibsaniiru.
Daldaltoonni seeraan ala hojjachaa turan 1129 koree naannichaa hanga aanaatti hundeessuun seeraan alummaa keessaa bahuun sirna seera qabeessaatti akka deeb’in gochuu ibsaniiru.
kanaan dura naannichatti gurgurtaa gamoo irraa gibirri sassaabamu akka hin jirre ibsuun bara kanas xiyyeeffannoo itti kenninee bu’aa gaarii galmeessisuu dandeenyeerra jedhan.
Dura teessuu koree dhaabbii baajataa fi faayinaansii Mana Maree Naannoo Hararii Aadde Ikraam Abdurahmaan galii naannichaa guddisuuf dandeettii qabnu hundaatti fayyadamuu qabna jedhan.
Dabalataan karoora baasuun qooda fudhattoota biroo waliin qindoomina cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Rakkoo walxaxaa lafa baadiyyaa hundeerraa hiikuuf hojii gaarii hojjetamaa jiru cimsuun akka barbaachisuullee hubachiisaniiru.
Hamzaa Yuusuf gabaase
28/10/2015
Telegram https://t.me/hararimassmediaagency
YouTube https://www.youtube.com/channel/UCA5BjF_8thxJUNUriIji2fA6
Facebook https://www.facebook.com/mediaharari
79 viewsHarar Mass Media, 08:51