Get Mystery Box with random crypto!

AMALEEFFANNAA CUBBUU Seexanni cubbuu keenya dhiqannee gaabbii | Farraa ILLuminaattii (The Killuminati)

AMALEEFFANNAA CUBBUU

Seexanni cubbuu keenya dhiqannee gaabbii gallee waaqayyo waliin jiraachuu irra cubbuu amaleeffannee isa waliin akka jiraannu taasisuuf guyyaa tokko dagatee rafee hin beeku. Akkamitti?
Cubbuu keenya nu jalaa dhoksee akka hin yaadanne nu gochuudhaan qqlbii akka hin jijjiirranne nu hadoocha.
Cubbuu keenyaaf gaabbii gallee qulqullaa'uu irra "Waaqayyo waaqa dhiifamaati" jechaa bara keenya akka fixnu nu taasisa.
Haalli jireenya koo gaabbii galuuf na hin dandeessisu, yoon gaabbii gale borus itti deebi'uun koo hin oolu jennee akka gara kuteenyaan of hin jijjiirre nu taasisuun guyyaa keenya fixa.
Har'a boru osoo jennuu karoora gaabbii galuu keenya dheeressinee cubbuu amaleeffannee waaqayyoon osoo hin araarfatiin akka duunu nu taasisa.
Faayidaan qalbii jijjiirrannaa akka nu jalaa dhokatu taasisee laaqii cubbuu keessa nu gangalcha.
Gad of qabnee boo'ichaan gara waaqayyootti akka hin deebineef ol nu guddisee nutti agarsiisa
Cubbuun koo guddaa waan ta'eef waaqayyo naaf hiindhiisu jechuun abdii kunnee akka nuyi osoo hin jaallatiin du'a waliin waliif mallatteessinu nu taasisa.
Cubbuun ani hojjedhe baay'ee nama qaanessa hoo akkamitti nan dubbadha jennee qaanii fi sodaan liqimfamnee akka hin fayyine nu taasisa.
Hanqinaa fi dadhabina tajaajiltootaa/luboota, daaqonoota, barsiisota,.../ kaasuun isaanuu jiruu jechuun of jajjabeessuun cubbuu hojjennetti gadduu irra akka itti gammadnu nu taasisa. Saglichi Garuu,"Hudumaafuu akka hojiisaatti nan kennaf jedha." Mul 22:12
Waa'ee cubbuu keenyaa akka hin yaadanneef guyyaa guutuu waa'ee cubbuu obbolootaa akka haasofnu nu taasisa. Sagalee, "Walii walii keessaniif kadhadhaa" jedhus nu dagachiisa

Madda:Kitaaba "mallattoolee bara xumuraa" jedhu fuula 22-23