Get Mystery Box with random crypto!

ERGA ILKAAN NYAATAMEE FAAYIDAAN ALA TA'E BUQQISIIFNEE BOODA MA | KILINIKA ILKAANII GF

ERGA ILKAAN NYAATAMEE FAAYIDAAN ALA TA'E
BUQQISIIFNEE BOODA MAAL GOCHUU QABNA?

Bakka ilkaan buqqa'e sanatti jirbii daqiiqaa soddomaaf(30)itti ciniinnee turuu ,
Hancufa keenya sa'aa 24f lafatti osoo hin tufne gara keessatti liqimsuu,
Sa'aa 24f jabeenya qaamaa dalaguu dhiisuu,sababni isaas bakka ilkaan irraa buqqa'ee dhiigni akka dhiigu waan godhuuf,Nyaatas ta'ee dhugaatii ho'aa fudhachuu dhiisuu,jiddu galeessa kan ta'e fudhachuu,
Taamboo xuuxuunis dhiigni akka hin dhaabbanne waan godhuuf ni harkisna yoo ta'e sa'aa #24f harkisuu dhiisuu,
Dawaa hakiimni ilkaanii isinii ajaje akka isinii #ajajameen fudhachuu,
Guyyaa #sadii booda dhukkubbiin yoo isinitti dhaga'ame,bishaan soogidda waliin danfisuun ganamaa fi galgala guyyaa shaniif lulluuqqatanii tufuu
Maloota armaan olitti heeramaniin yoo isinitti hin wayyoofne ta'e kilinika ilkaanii wal'aanamtanitti deebi'uun
hakiima keessan mariisisuu...

▼▼▼▼Galatoomaa▼▼▼▼▼